1 Yaa obboloota, ani akka namoota foonii warra Al-Masiihitti daaʼimman taataniitti malee akka namoota Hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye. 2 Waan isin nyaata jabaa nyaachuu hin gaʼiniif ani aannan isiniif kenne malee nyaata cimaa isinii hin kennine. Dhugumaan isin amma iyyuu nyaachuu hin dandeenye. 3 Isin amma iyyuu nama foonii ti. Sababii hinaaffaa fi wal qoccoluun isin gidduu jiruuf isin nama foonii mitii? Akkuma namoota kaaniitti jiraattu mitii? 4 Namni tokko, "Ani kan Phaawulos" jedhee, inni kaan immoo, "Ani kan Apholoos" yoo jedhe isin namuma qofa mitii ree?
5 Egaa Apholoos eenyu? Phaawulosis eenyu? Isaan warra akkuma hojii Gooftaan tokkoo tokkoo isaaniitiif kenneetti tajaajilanii dha; isin immoo karaa isaaniitiin amantan. 6 Ani nan dhaabe; Apholoos bishaan obaase; Allaahan garuu ni guddise. 7 Kanaafuu Allaah isa guddisu sana malee namichi dhaabu yookaan inni bishaan obaasu sun homaa miti. 8 Inni dhaabus, inni bishaan obaasus tokkuma; tokkoon tokkoon isaaniis akkuma dadhabbii isaaniitti gatii ni argatu. 9 Nu warra Allaah wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Allaaha ti; ijaarsa Allaahatis.
10 Anis ayyaana Allaahan naa kenneen akkuma ogeessa ijaarsaa tokkootti hundee buuseera; namni kaan immoo isa irratti ijaaraa jira. Garuu tokkoon tokkoon namaa akkamitti akka ijaaru of eeggachuu qaba. 11 Namni tokko iyyuu hundee duraan buufame sana malee kan biraa buusuu hin dandaʼuutii; hundeen sunis Iisaa Al-Masiihii. 12 Namni kam iyyuu yoo hundee sana irratti warqeen, meetiin, dhagaa gatii guddaatiin, mukaan, citaan yookaan hoffaan ijaare, 13 guyyaan sun waan ifatti isa baasuuf hojiin isaa maal akka taʼe ni beekama. Innis ibiddaan ifatti baafama; ibiddi sunis qulqullina hojii nama hundaa ni qora. 14 Yoo wanni inni ijaare utuu hin gubatin hafeef inni gatii isaa ni argata. 15 Namni hojiin isaa jalaa gubate kam iyyuu gatii isaa ni dhaba; inni mataan isaa garuu ni oolfama; taʼus akka nama ibidda keessa darbeetti oolfama.
16 Isin akka mana qulqullummaa Allaaha taatanii fi akka Hafuurri Allaaha isin keessa jiraatu hin beektanii? 17 Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Allaaha balleesse, Allaahan isa ni balleessa; manni qulqullummaa Allaaha qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin.
18 Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu. 19 Ogummaan addunyaa kanaa fuula Allaaha duratti gowwummaadhaatii. Kunis isa, "Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba" jedhamee barreeffamee dha. 20 Akkasumas, "Gooftaan akka yaadni ogeeyyii faayidaa hin qabne ni beeka" jedhameera. 21 Kanaafuu eenyu iyyuu namaan hin booniin! Wanni hundinuu keessaniitii; 22 Phaawulosis taʼu Apholoos yookaan Keefaan yookaan addunyaan yookaan jireenyi yookaan duuti yookaan wanti amma jirus taʼu wanti dhufu hundinuu keessan; 23 isin kan Al-Masiihii ti; Al-Masiihiin immoo kan Allaaha ti.