Publicidade

1 Tessalonicenses 5

1 Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu; 2 akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii. 3 Utuma namoonni, "Nagaa dha; qabbanas" jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan.

4 Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti. 5 Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti. 6 Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas. 7 Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu. 8 Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa. 9 Allaahan akka nu karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii. 10 Nu yoo dammaqne yookaan yoo rafne akka isa wajjin tokkummaan jiraannuuf inni nuuf duʼe. 11 Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.

Gorsa Dhumaa

12 Egaa yaa obboloota, nu akka isin warra gidduu keessanitti cimanii hojjetan, kanneen karaa Gooftaatiin isin hooggananii fi isin gorsan sana kabajjan isin kadhanna. 13 Sababii hojii isaaniitiifis jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa. Nagaadhaanis walii wajjin jiraadhaa. 14 Yaa obboloota, nu akka isin warra hojii hojjechuu hin jaallanne akeekkachiiftan, sodaattota jajjabeessitan, dadhaboo gargaartan, akka nama hundumaafis obsitan isin gorsina. 15 Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.

16 Yeroo hunda gammadaa; 17 utuu gargar hin kutin duʼaa godhaa; 18 haala hundumaa keessatti Allaah galateeffadhaa; fedhiin Allaahan Al-Masiihi Iisaatti isiniif qabu kanaatii.

19 Hafuura hin dhaamsinaa; 20 raajii hin tuffatinaa; 21 waan hunda qoraa. Isa gaarii jabeessaatii qabadhaa. 22 Hammina gosa hundumaa irraa fagaadhaa.

23 Allaahan mataan isaa, Allaahan nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Iisaa Al-Masiihiin dhufutti mudaa irraa haa eegaman. 24 Inni isin waamu sun amanamaa dha; waan kanas ni godha.

25 Yaa obboloota, nuufis duʼaa godhaa.

26 Dhungoo qulqulluudhaanis obboloota hunda nagaa gaafadhaa.

27 Ani akka xalayaan kun obboloota hundaaf dubbifamu fuula Gooftaa duratti isin ajaja.

28 Ayyaanni Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihi isin wajjin haa taʼu.

Veja também

Publicidade
1 Tessalonicenses
Ver todos os capítulos de 1 Tessalonicenses
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-