Publicidade

2 Tessalonicenses 1

Nagaa Gaafachuu

1 Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa,

Gara Waldaa Kiristaanaa warra Tasaloniiqee kan Abbaa keenya Allaahatii fi kan Gooftaa Iisaa Al-Masiihii taateetti:

2 Ayyaannii fi nagaan Allaah Abbaa fi Goofticha Iisaa Al-Masiihi irraa isiniif haa taʼu.

Galataa fi Duʼaa

3 Yaa obboloota, sababii amantiin keessan baayʼee guddachaa, jaalalli hundi keessan walii keessaniif qabdanis ittuma dabalaa jiruuf nu yeroo hunda waaʼee keessaniif akka malutti Allaah galateeffachuu qabna. 4 Kanaafuu nu qorumsa isin obsitan sanaaf, ariʼatama hunda keessatti jabaattanii dhaabachuu keessanii fi amantii keessaniin waldoota Kiristaanaa Allaaha keessatti sababii keessaniin of jajna.

5 Kun hundinuu akka murtiin Allaaha qajeelaa taʼe mulʼisa; sababii kanaafis isin warra mootummaa isaa kan dhiphachaafii jirtan sanaaf maltan ni taatu. 6 Allaahan qajeelaa dha: Inni warra isin rakkisan ni rakkisa; 7 isin warra rakkattaniif, nuufis boqonnaa ni kenna. Kunis yommuu Gooftaan Iisaa ibidda balaliʼuun malaʼikkoota isaa humna qabeeyyii wajjin shamaayʼun irraa mulʼatutti taʼa. 8 Inni warra Allaah hin beeknee fi warra injiila Gooftaa keenya Iisaaf hin ajajamne ni adaba. 9 Isaanis fuula Gooftaa duraa fi ulfina humna isaa irraa fageeffamanii badiisa bara baraatiin ni adabamu; 10 kunis guyyaa inni qulqulloota isaatiin kabajamuu fi warra amanan hundumaa gidduutti dinqisiifatamuuf dhufutti taʼa. Isinis waan dhuga baʼumsa keenya amantaniif isaanitti lakkaaʼamtu.

11 Nus waan kana yaadatti qabachaa, akka Allaahan keenya warra waamicha isaatiif malan isin godhuuf, humna isaatiinis kaayyoo keessan gaarii hundaa fi akka hojii amantii keessanii hunda fiixaan isinii baasuuf utuu gargar hin kutin duʼaa isinii goona. 12 Nus akkuma ayyaana Allaah keenyaattii fi Gooftaa Iisaa Al-Masiihiitti akka maqaan Gooftaa keenya Iisaa isiniin kabajamuu fi akka isinis isaan kabajamtaniif waan kana duʼaa goona.

Veja também

Publicidade
2 Tessalonicenses
Ver todos os capítulos de 2 Tessalonicenses
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-