1 Kana malees yaa obboloota, Allaah gammachiisuuf akkamitti akka jiraachuu qabdan nu isin barsiifneerra; isinis akkuma sanatti jiraachaa jirtu. Ammas akka ittuma caalchiftanii waan kana gootan Gooftaa Iisaan isin kadhanna; isin gorsinas. 2 Nu taayitaa Gooftaa Iisaatiin ajaja maalii akka isinii kennine beektuutii.
3 Fedhiin Allaaha akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif; 4 tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu; 5 kunis akka ormoota Allaah hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin; 6 waan kanaanis namni tokko iyyuu obboleessa isaa hin miidhin yookaan hin gowwoomsin. Akkuma nu kanaan dura isinitti himnee isin akeekkachiifne sana, Gooftaan warra cubbuu akkasii hojjetan hunda haaloo baʼa. 7 Allaahan akka nu jireenya qulqulluu jiraannuuf malee akka xuroofnuuf nu hin waamneetii. 8 Kanaafuu namni gorsa kana tuffatu Allaah Hafuura isaa Qulqulluu isinii kennu sana tuffata malee nama hin tuffatu.
9 Egaa waan Allaahan akka isin wal jaallattan isin barsiiseef waaʼee jaalala obbolummaa isinii barreessuu nu hin barbaachisu. 10 Dhugumaan isin obboloota guutummaa Maqedooniyaa keessa jiran hunda ni jaallattu. Yaa obboloota, nu garuu akka kana caalaa isaan jaallattan isin gorsina; 11 akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti tasgabbiin jiraachuuf tattaaffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjetadhaa; 12 kunis akka isin warra alaa biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokko illee hin eegganneef.
13 Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu. 14 Nu erga akka Iisaan duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Allaahan warra Iisaatti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna. 15 Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu. 16 Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee malaʼikkaa hangafaatii fi sagalee malakata Allaahatiin shamaayʼun irraa ni buʼa; warri Al-Masiihitti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. 17 Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna. 18 Kanaafuu dubbii kanaan wal jajjabeessaa.