1 Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa,
Gara waldaa kiristaanaa warra Tasaloniiqee kan Allaah Abbaatii fi kan Goofticha Iisaa Al-Masiihii taateetti:
Ayyaanni isiniif haa taʼu. Assalaam aleeyikum.
2 Nu duʼaa keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee yeroo hunda waaʼee hunda keessaniitiif Allaah ni galateeffanna. 3 Nu hojii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii fi obsa abdii keessanii kan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti qabdan sana Allaah keenyaa fi Abbaa keenya duratti ittuma fufnee ni yaadanna.
4 Yaa obboloota Allaahan jaallatamtan, nu akka inni isin filate beeknaatii; 5 injiilli keenya humnaan, Hafuura Qulqulluu fi amansiisa guddaan malee dubbii afaanii qofaan gara keessan hin dhufneetii. Nu isiniif jennee akkamitti akka isin gidduu jiraanne ni beektu. 6 Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu. 7 Kanaanis amantoota Maqedooniyaa fi Akaayaa jiran hundaaf fakkeenya taatanii jirtan. 8 Dubbiin Gooftaa isin biraa baʼee Maqedooniyaa fi Akaayaa qofatti hin dhagaʼamne; amantiin isin Allaahatti qabdanis lafa hunda gaʼeera. Kanaafuu waaʼee isaa homaa dubbachuu nu hin barbaachisu; 9 isin simannaa akkamii akka nuu gootan isaanuu ni dubbatuutii. Isaan akkamitti akka isin Allaah jiraataa fi Allaah dhugaa tajaajiluuf jettanii waaqeffatamtoota tolfamoo irraa gara Allaahatti deebitanis ni himu; 10 akkasumas Ilma isaa isa inni warra duʼan keessaa kaase jechuunis Iisaa isa dheekkamsa dhufu jalaa nu baasu sana akka shamaayʼun irraa eeggattan ni himu.