Publicidade

1 Tessalonicenses 2

Phaawulos Tasaloniiqeetti Tajaajiluu Isaa

1 Yaa obboloota, isin bira dhufuun keenya sun akkasumaan akka hin taʼin isinuu ni beektu. 2 Akkuma isin beektan nu kanaan dura Fiiliphisiyuusitti dhiphanneerra; akka malees qaaneffamneerra. Garuu yoo mormiin cimaan nu qunname illee gargaarsa Allaah keenyaatiin injiila isaa isinitti himuudhaaf ija jabina arganneerra. 3 Gorsi nu kenninus kan dogoggora yookaan xuraaʼummaa yookaan gowwoomsaa irraa dhufe miti. 4 Qooda kanaa nu akka warra Allaahan injiila imaanaa itti kennuuf qoratee fudhateetti dubbanna. Yaaliin keenyas Allaah garaa keenya qoru sana gammachiisuuf malee nama gammachiisuuf miti. 5 Akkuma isin beektanii fi akkuma Allaahanis dhugaa baʼu sana nu dubbii sossobbiitti hin fayyadamne; doqnummaa dhokfachuufis haguuggannee gara keessan hin dhufne. 6 Nu namoota irraa, isin irraas taʼu yookaan warra kaan irraa ulfina hin barbaanne. Nu akka ergamoota Al-Masiihiitti baʼaa isinitti taʼuu ni dandeenya ture; 7 nu garuu akkuma haadha daaʼimman ishee kunuunfattu tokkoo taane.

Garraamummaadhaan gidduu keessan jiraanne. 8 Nu waan akka malee isin jaallanneef injiila Allaaha qofa utuu hin taʼin lubbuu keenya illee isinii kennuun fedhii keenya ture; isin nu biratti akka malee jaallatamoo turtaniitii. 9 Yaa obboloota, isin dadhabbii fi dhiphina keenya ni yaadattuutii; nu yeroo injiila Allaaha isinii lallabnetti nama tokkotti illee akka baʼaa hin taaneef halkanii guyyaa hojjechaa turre. 10 Nu hammam qulqullummaan, qajeelummaa fi mudaa malee isin warra amantan gidduu akka jiraanne isin dhugaa ni baatu; Allaahanis dhugaa baʼa. 11 Isin akka nu akkuma abbaan ijoollee isaa gorsee jajjabeessutti tokkoo tokkoo keessaniif taane ni beektuutii; 12 kunis akka isin jireenya Allaah isa mootummaa isaattii fi ulfina isaatti isin waamu sanaaf malu jiraattaniif.

13 Isinis yommuu dubbii Allaaha kan nurraa dhageessan sana fudhattanitti akkuma inni jirutti, akka dubbii Allaaha kan isin warra amantan keessatti hojjetuutti fudhattan malee akka dubbii namaatti waan hin fudhatiniif nu utuu gargar hin kutin Allaah galateeffanna. 14 Yaa obboloota, isin fakkeenya waldoota kiristaanaa Allaaha warra Al-Masiihi Iisaatti jiran kanneen biyya Yihuudaa jiranii duukaa buutaniirtu; akkuma waldoonni kunneen harka Yihuudootaatti dhiphatan sana isinis harka namoota biyya keessaniitti dhiphattaniirtu; 15 Yihuudoonni kunneen warra Gooftaa Iisaa fi nabiiʼiyyoota ajjeesanii nu illee ariʼatanii dha. Isaan Allaah hin gammachiisan; nama hundattis diina taʼu; 16 isaanis cubbuu isaanii guuttachuuf jedhanii akka nu akka Namoonni Ormaa fayyifamaniif itti hin dubbanne nu dhowwu. Dhuma irratti garuu dheekkamsi Allaaha isaanitti dhufeera.

Phaawulos Warra Tasaloniiqee Arguu Hawwe

17 Garuu yaa obboloota, erga yaadaan utuu hin taʼin fooniin yeroo gabaabaaf isin irraa gargar baanee jalqabnee fuula keessan arguuf hawwii guddaan caalchifnee dhamaane. 18 Nu gara keessan dhufuu barbaannee turreetii; dhugumaanuu ani Phaawulos yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaaleera; garuu sheeyxaanatu nu dhowwe. 19 Yommuu Gooftaan keenya Iisaa Al-Masiihi dhufutti fuula isaa duratti abdiin keenya yookaan gammachuun keenya yookaan gonfoon nu ittiin of jajnu eenyu? Isinuma mitii? 20 Isin ulfinaa fi gammachuu keenyaatii.

Veja também

Publicidade
1 Tessalonicenses
Ver todos os capítulos de 1 Tessalonicenses
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-