1 Yaa gooftota, isinis akka shamaayʼun irraa Gooftaa qabdan waan beektaniif, garboota keessan qajeelummaa fi wal qixxummaadhaan bulchaa.
2 Warra dammaqanii galateeffatan taʼuudhaan duʼaa gochuutti jabaadhaa. 3 Nu icciitii Al-Masiihii kan ani isaaf jedhee hidhamee jiru sana akka lallabnuuf Allaahan balbala dubbichaa akka nuu banu nuufis duʼaa godhaa. 4 Anis akka narraa eegamutti ibsee akkan lallabuuf duʼaa naa godhaa. 5 Baricha furuudhaan warra alaa wajjin hubannaadhaan jiraadhaa. 6 Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.
7 Xikiqoos oduu waaʼee kootii hunda isinitti ni hima. Inni obboleessa jaallatamaa, tajaajilaa amanamaa fi Gooftaatti garbicha hidhata koo taʼee dha. 8 Anis akka isin haala nu keessa jirru beektanii fi akka inni garaa keessan jajjabeessuuf gara keessanitti isa ergeera. 9 Innis obboleessa keenya amanamaa fi jaallatamaa isa garee keessan keessaa tokko taʼe Oneesimoos wajjin dhufa. Isaanis waan asitti taʼaa jiru hundumaa isinitti himu.
10 Arisxirokoos inni na wajjin hidhamee jiru nagaa isinii dhaama; Maarqos durbiin Barnaabaasis akkanuma nagaa isinii dhaama. Waaʼee isaas ajajni, "Yoo inni gara keessan dhufe isa simadhaa" jedhu isin gaʼeera.
11 Iisaan inni Yoosxoos jedhamus akkasuma nagaa isinii dhaama. Warra dhagna qabatan keessaas kanneen na wajjin mootummaa Allaahatiif hojjetan isaanuma qofa; isaanis jajjabina guddaa naa taʼaniiru.
12 Ephaafiraan inni isin keessaa tokko taʼee fi tajaajilaan Al-Masiihi Iisaa nagaa isinii dhaama. Innis akka isin fedhii Allaaha hundaan bilchaatoo fi guutuu taatanii jabaattanii dhaabattaniif yeroo hunda duʼaadhaan isinii dadhabaa jira. 13 Ani akka inni isiniif, warra Lodooqiyaa fi magaalaa Heraapoolis jiraniifis hinaaffaa gaarii qabu dhugaa nan baʼaaf.
14 Luqaas ogeessi fayyaa michuun keenya jaallatamaanii fi Deemaas nagaa isinii dhaamu.
15 Obboloota Lodooqiyaa jiranitti, akkasumas Niimfaa fi waldaa kiristaanaa kan mana ishee jirtutti nagaa naa himaa.
16 Erga xalayaan kun isinii dubbifamee booddee waldaa Al-Masiihii Lodooqiyaatti akka dubbifamu godhaa; isinis xalayaa Lodooqiyaadhaa dhufu dubbifadhaa.
17 Arkiphaadhaanis, "Hojii Gooftaadhaan sitti kenname sana akka xumurtu mirkaneeffadhu" jedhaa.
18 Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa. Hidhamuu koo yaadadhaa. Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.