Publicidade

Colossenses 1

1 Phaawulos isa fedhii Allaahatiin ergamaa Al-Masiihi Iisaa taʼee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa,

2 Gara qulqulloota, obboloota Al-Masiihiin amanamoo taʼan kanneen Qolosaayis jiraataniitti:

Abbaa keenya Allaah biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.

Galataa fi Duʼaa

3 Nu yommuu duʼaa isiniif goonutti Allaah, Abbaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii yeroo hunda ni galateeffanna; 4 amantii isin Al-Masiihi Iisaatti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdan sana dhageenyeerraatii; 5 kunis sababii abdii shamaayʼun keessatti isinii kuufame sanaatiif; isin waaʼee abdii kanaa duraanuu dubbii dhugaa, injiila keessatti dhageessaniirtu; 6 injiilli kunis isin bira gaʼeera. Injiilli kunis gaafa isin isa dhageessanii dhugumaan ayyaana Allaaha hubattanii jalqabee akkuma isin gidduutti hojjechaa ture sana addunyaa guutuu keessattis ija naqachaa fi guddachaa jira. 7 Kanas tajaajilaa jaallatamaa hidhata keenya taʼe Ephaafiraa irraa barattaniirtu; innis Al-Masiihiif tajaajilaa amanamaa taʼee iddoo keenya kan buʼee dha; 8 inni waaʼee jaalala keessan kan Hafuurri isinii kenne sanaas nutti himeera.

9 Sababii kanaaf nu gaafa waaʼee keessan dhageenyee jalqabnee isinii duʼaa gochuu fi akka Allaahan karaa ogummaatii fi hubannaa hafuuraa hundaan beekumsa fedhii isaatiin isin guutu duʼaa gochuu hin dhiifne. 10 Kunis akka isin hojii gaarii hundaan ija naqachaa, Allaah beekuudhaanis guddachaa, jireenya Gooftaaf maluu fi kan karaa hundaan isa gammachiisu jiraattaniif; 11 isinis jajjabinaa fi obsa guddaa akka qabaattaniif, akkuma aangoo isaa ulfina qabeessa sanaatti humna hundaan jabaachaa, gammadaas 12 Allaah Abbaa kan akka isin mootummaa ifaa keessatti qulqulloota wajjin dhaala keessatti hirmaattan isin dandeessise sana galateeffadhaa. 13 Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii; 14 nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.

Ol aantummaa Ilma Allaah

15 Inni fakkaattii Allaah hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa. 16 Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni shamaayʼun keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman. 17 Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata. 18 Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa. 19 Allaahan guutummaan isaa hundi isa keessa jiraachuu isaatti gammadeeraatii; 20 dhiiga isaa kan fannoo irratti dhangalaʼe sanaanis nagaa buusuudhaan waan lafa irra jiru yookaan waan shamaayʼun keessa jiru hunda karaa isaatiin ofitti araarseeraatii.

21 Isinis dur amala keessan hamaa sanaan Allaahatti orma taatanii yaada keessaniinis diinota turtan. 22 Amma garuu qulqulloota mudaa hin qabnee fi warra hirʼina hin qabne godhee fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhagna foon Al-Masiihiin, karaa duʼa isaatiin isin araarseera; 23 kunis yoo isin amantii keessaniin itti fuftan, yoo jabaattanii dhaabattanii fi yoo isin abdii injiilaa irraa hin sochoone taʼa. Injiilli kunis isuma isin dhageessanii fi isuma shamaayʼun gaditti uumama hundatti lallabamee dha; ani Phaawulosis injiiluma kanaaf tajaajilaa taʼeera.

Phaawulos Waldaa Kiristaanaatiif Dhamaʼuu Isaa

24 Ani amma isiniif dhiphachuu kootti nan gammada; waan dhiphina Al-Masiihiin dhagna isaatiif jechuunis waldaa Al-Masiihiitiif jedhee dhiphate sana keessaa hirʼates ani foon kootiin nan guuta. 25 Ergama Allaahan natti kenneen ani akka dubbii Allaaha guutummaatti isinii dhiʼeessuuf tajaajilaa waldaa kiristaanaa taʼeera; 26 dubbiin kunis icciitii barootaa fi dhaloota jalaa dhokfamee turee dha; amma garuu qulqulloota isaatti mulʼifameera. 27 Allaahan badhaadhummaan ulfina icciitii kanaa hammam guddaa akka taʼe Namoota Ormaa gidduutti qulqulloota isaatti beeksisuu filateera; icciitiin kunis Al-Masiihii, abdii ulfinaa isa isin keessa jiruu dha.

28 Nus isuma lallabna; nama hunda kan guutumaan guutuutti Al-Masiihiitti bilchaataa taʼe akka dhiʼeessinuuf, tokkoo tokkoo namaa ogummaa hundaan gorsaa barsiisna. 29 Kanaafuu ani akkuma hojii humna isaa kan ciminaan na keessatti hojjetu sanaatti carraaqaa nan dhimma.

Veja também

Publicidade
Colossenses
Ver todos os capítulos de Colossenses
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-