Publicidade

Colossenses 3

Akka Warra Al-Masiihiin Jiraattota Taasifamaniitti Jiraachuu

1 Egaa isin erga Al-Masiihii wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Allaaha iddoo Al-Masiihiin taaʼu sana jiru barbaadaa. 2 Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa. 3 Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Al-Masiihii wajjin Allaah keessa dhokfameera. 4 Yommuu Al-Masiihiin inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu.

5 Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqeffatamaa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha. 6 Sababii kanaafis dheekkamsi Allaaha warra hin ajajamnetti ni dhufa. 7 Isinis jireenya dur jiraattan keessatti karuma akkasii irra deddeebiʼaa turtan. 8 Amma garuu waan akkasii hunda: aarii, dheekkamsa, hamminaa fi maqaa nama balleessuu of irraa fageessaa; dubbiin gadheenis afaan keessanii hin baʼin. 9 Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii 10 eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu. 11 Sababii kanaaf, nama Giriik yookaan Yihuudii, nama dhagna qabate yookaan kan dhagna hin qabatin, nama wallaalaa, nama jireenya isaa hin qajeelfatin, garba yookaan birmaduu jechuun hin jiru; Al-Masiihiin garuu hunduma; hunduma keessas jira.

12 Kanaafuu isin akkuma warra Allaahaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa. 13 Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa. 14 Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.

15 Nagaan Al-Masiihii kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa. 16 Dubbiin Al-Masiihii baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Allaah galateeffadhaa. 17 Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Iisaatiin hojjedhaa; isumaanis Allaah Abbaa galateeffadhaa.

Qajeelfama Maatii Kiristaanaatiif Kenname

18 Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa.

19 Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa.

20 Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.

21 Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.

22 Yaa garboota, isinis warra fooniin gooftota keessan taʼaniif waan hundaan ajajamaa; kanas yeroo isaan isin ilaalan qofa isaan gammachiisuuf utuu hin taʼin garaa qulqulluu fi Gooftaa sodaachuudhaan godhaa. 23 Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa; 24 kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Al-Masiihii Goofticha. 25 Namni balleessaa hojjetu kam iyyuu gatii balleessaa isaa ni argataatii; nama wal caalchisuunis hin jiru.

Veja também

Publicidade
Colossenses
Ver todos os capítulos de Colossenses
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-