Pular para o conteúdo
Publicidade

1 ሞቶተ 19:4-9

ONOCV New Oromo Contemporary Version

4 ኦፊሳቲሞ ከራ ጉያ ቶኮ ገሞጂ ኬሰ ዴሜ። እንስ ሙከ እተቻ ቶኮት ዹፌ ጀለ ታኤ አከ ዱኡፍ፣ "ያ ዋቀዮ ነ ዸገእ፤ ሉቡኮ ፉዸዹ፤ አን አቦቲኮ ህንጫሉቲ" ጄዼ። 5 ኤርገሲስ ሙከ ሰነ ጀለ ጪሴ ህርብን እሰ ፉዸቴ።

ኩኖ ኤርገማን ዋቀዮ ቶኮ እሰ ቱቄ፣ "ከኢ ዋ ኛዹ" ጄዼን። 6 እንስ ኦፍረ ምልአቴ መጥኖ ጭሌረት ብልቼፈሜ ቶኮፊ ኦኮቴ ብሻኒ መታ ኦፊ ብረት አርጌ። ኛቴ ዹጌስ አመሌ ዴብኤ ጪሴ።

7 ኤርገማን ዋቀዮ አመሌ ዬሮ ለመፋ ዹፌ እሰ ቱቄ፣ "ከኢ ኛዹ፤ ከራን አት ዴምቱ ዼራዻቲ" ጄዼን። 8 ከናፉ እን ከኤ ኛቴ ዹጌ። እንስ ኛተ ሰናን ጀባቴ ሀመ ቱሉ ዋቃ ከን ኮሬብ ጄዸሙ ገኡት ሀልከን አፉርተማፊ ጉያ አፉርተመ ሚላን ዴሜ። 9 አችትስ ሆልቀ ቶኮ ሴኔ ኬሰ ቡሌ።

ዋቀዮ ኤልያስት ሙልአቴ

ዱቢን ዋቀዮስ ገረሳ ዹፌ፣ "ኤልያስ፣ አት ማል አሲ ሆጄተ?" ጄዼን።

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    4 ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, "Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii" jedhe. 5 Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate.

    Kunoo ergamaan Waaqayyoo tokko isa tuqee, "Kaʼii waa nyaadhu" jedheen. 6 Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.

    7 Ergamaan Waaqayyoo amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, "Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii" jedheen. 8 Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Waaqaa kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme. 9 Achittis holqa tokko seenee keessa bule.Waaqayyo

    Dubbiin Waaqayyoos gara isaa dhufee, "Eeliyaas, ati maal asii hojjetta?" jedheen.

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    4 ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, "Rabbii Allaah na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii" jedhe. 5 Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate.

    Kunoo malaʼikkaan Allaah tokko isa tuqee, "Kaʼii waa nyaadhu" jedheen. 6 Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.

    7 Malaʼikkaan Rabbii Allaah amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, "Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii" jedheen. 8 Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Allaaha kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme. 9 Achittis holqa tokko seenee keessa bule.

    Dubbiin Rabbii Allaahas gara isaa dhufee, "Iliyaas, ati maal asii hojjetta?" jedheen.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.