4 ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, "Rabbii Allaah na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii" jedhe. 5 Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate.
Kunoo malaʼikkaan Allaah tokko isa tuqee, "Kaʼii waa nyaadhu" jedheen. 6 Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.
7 Malaʼikkaan Rabbii Allaah amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, "Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii" jedheen. 8 Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Allaaha kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme. 9 Achittis holqa tokko seenee keessa bule.
Rabbii Allaahan Iliyaasitti Mulʼate
Dubbiin Rabbii Allaahas gara isaa dhufee, "Iliyaas, ati maal asii hojjetta?" jedheen.