Publicidade

1 Reis 4

Qondaaltota Suleyimaan

1 Suleyimaan Mootichis akkasiin Israaʼel hunda bulche.

2 Jarri kunneenis qondaaltota isaa ol aantota turan:

Azaariyaa ilmi Zaadoq luba ture;

3 Eliihoorefii fi Ahiiyaan, ilmaan Shiishaaʼaa barreessitoota turan;

Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud galmeessaa ture;

4 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa ajajaa loltootaa ol aanaa ture;

Zaadoqii fi Abiyaataar immoo luboota turan;

5 Azaariyaa ilmi Naataan itti gaafatamaa bulchitoota aanaalee biyyaa ture;

Zaabuud ilmi Naataan lubaa fi gorsituu mootichaa kan dhuunfaa ture;

6 Ahiishaar, itti gaafatamaa masaraa mootummaa ture;

Adooniiraam ilmi Abdaa itti gaafatamaa warra hojii humnaa hojjetanii ture.

7 Suleyimaanis Israaʼel hunda irratti bulchitoota aanaalee kudha lama kanneen mootichaa fi warra mana mootichaa jiraataniif nyaata dhiʼeessan qaba ture. Tokkoon tokkoon isaaniis waggaa keessatti jiʼa tokko tokko nyaata dhiʼeessu ture.

8 Maqaan isaaniis kanaa dha:

Ben-Huur, biyya gaaraa Efreemitti;

9 Ben-Deqeer Maqaazitti, Shaʼalbiimitti, Beet Shemeshittii fi Eeloon Beet Haanaanitti;

10 Ben-Heseed Aruboot keessaa, Sookootii fi biyyi Heefer guutuun kan isaa ture;

11 Ben-Abiinaadaab, Naafoot Dooritti Xaafati intala Suleyimaan fuudhee ture;

12 Baʼanaan ilma Ahiiluud, biyya Taʼanaakii fi Megidootti akkasumas Beet Sheʼaan Zaaretaanitti aanee Yizriʼeel gad jiru guutuutti, Beet Sheʼaanii jalqabee hamma Yoqemiʼaam ishee Abeel Mehoolaa gamatti;

13 Ben-Geeber Raamoot Giliʼaad keessatti qubatawwan Yaaʼiir ilma Minaasee kanneen Giliʼaad keessaa, akkasumas biyyi Argobbi kan Baashaan keessatti argamuu fi magaalaawwan gurguddaan dallaan itti ijaaramee danqaraawwan balbalaa kanneen naasii irraa hojjetaman qaban jaatamni kan isaa turan.

14 Ahiinaadaab ilma Iddoo, Mahanayiim keessatti;

15 Ahiimaʼaz, Niftaalemitti; innis Baasmati intala Suleyimaan fuudhee ture;

16 Baʼanaan ilmi Huushaayi, Aasheerii fi Baʼaalooti keessatti;

17 Yehooshaafaax ilmi Phaaruu, Yisaakor keessatti;

18 Shimeʼiin ilmi Eelaa, Biniyaam keessatti,

19 Geber ilmi Uuri biyya Giliʼaad jechuunis biyya Sihoon mooticha Amoorotaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan keessatti; isa qofatu biyya sana bulchaa ture.

Nyaata Guyyaa Guyyaatti Suleyimaaniif Dhiʼaatu

20 Namoonni Yihuudaatii fi Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa baayʼee turan; isaanis nyaatanii dhuganii gammadan. 21 Suleyimaanis mootummoota Laga Efraaxiisii hamma biyya Filisxeemotaatti, hamma daarii Gibxitti jiran hunda bulchaa ture. Biyyoonni kunneenis gibira isaaf fidanii bara jireenya isaa guutuu Suleyimaaniif bulan.

22 Nyaanni guyyuma guyyaatti Suleyimaaniif galu daakuu qulqulluu Koorii soddoma, midhaan koorii jaatama, 23 sangoota coccoomoo kudhan, loon kaloo dheedan digdama, hoolotaa fi reʼoota dhibba tokko, akkasumas borofa, kuruphee, gadamsaa fi indaanqoo dha. 24 Inni mootummoota Laga Efraaxiisiin gama dhiʼa biiftuu jiran hunda, Tifsaadhaa hamma Gaazaatti bulchaa tureetii; karaa hundaanis nagaa qaba ture. 25 Bara Suleyimaan keessa Yihuudaa fi Israaʼel Daanii jalqabanii hamma Bersheebaatti nagaan jiraatan; tokkoon tokkoon namaas muka wayiniitii fi muka harbuu ofii isaa jala boqote.

26 Suleyimaanis gola fardeen gaarii harkisan keessa bulan kuma afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture.

27 Bulchitoonni aanaalee sunis yeroo jiʼi isaanii gaʼutti tokkoon tokkoon isaanii mootichaa fi warra maaddii Suleyimaan mootichaa irraa nyaatan hundaaf nyaata dhiʼeessu ture. Akka wanni tokko iyyuu hin hanqanneefis ni toʼatu turan. 28 Akkasumas fardeen gaarii harkisanii fi fardeen kaaniif iddoo barbaadameefitti garbuu fi cidii dhiʼeessu turan.

Ogummaa Suleyimaan

29 Allaahanis ogummaa fi hubannaa guddaa akkasumas garaa balʼaa akka cirracha qarqara galaanaa Suleyimaaniif kenne. 30 Ogummaan Suleyimaan ogummaa namoota baʼa biiftuu jiraatanii hunda caala; ogummaa Gibxi hundas ni caala. 31 Inni nama kam iyyuu caalaa ogeessa; Eetaan namicha gosa Izraahi sana caalaa, Heemaan, Kalqoolii fi Dardaa ilmaan Maahool caalaa ogeessa. Maqaan isaas saboota naannoo sana jiraatan hunda biratti beekame. 32 Inni fakkeenya kuma sadii dubbate; baayʼinni faarfannaa isaas kuma tokkoo fi shan ture. 33 Inni birbirsa Libaanoon jalqabee hamma hiisophii dallaa irratti guddatuutti jireenya biqiltuuwwanii ibse. Waaʼee bineensotaatii fi waaʼee simbirroo, waaʼee uumamawwan lafa irra looʼaniitii fi waaʼee qurxummii illee dubbateera. 34 Namoonni biyyoota hundaa ogummaa Suleyimaan dhagaʼuuf mootota addunyaa kanneen waaʼee ogummaa isaa dhagaʼan hunda biraa dhufaa turan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-