Publicidade

1 Reis 18

Iliyaasii fi Obaadiyaa

1 Yeroo dheeraa booddee, waggaa sadaffaatti dubbiin Rabbii Allaaha, "Dhaqiitii Ahaabitti of mulʼisi; anis lafa irratti bokkaa nan roobsaa" jedhee gara Iliyaas dhufe. 2 Kanaafuu Iliyaas Ahaabitti of mulʼisuu dhaqe.

Yeroo kanatti Samaariyaa keessatti beelli hammaatee ture. 3 Ahaabis Obaadiyaa itti gaafatama masaraa mootummaa isaa waamee ture. Obaadiyaan nama akka malee Rabbii Allaah sodaatu ture. 4 Yeroo Iizaabel nabiiʼiyyoota Rabbii Allaah ajjeesaa turtetti Obaadiyaan nabiiʼiyyoota dhibba tokko fuudhee shantama shantamaan holqa lama keessa dhoksee nyaataa fi bishaan dhiʼeessaafii ture. 5 Ahaabis Obaadiyaadhaan akkana jedhe; "Biyyattii keessa deemiitii gara burqaawwanii fi sululawwan hundaa dhaqi. Akka horii keenya keessaa tokko iyyuu nu jalaa hin duuneef fardeenii fi gaangolii keenya jiraachifachuuf marga muraasa arganna taʼaatii." 6 Kanaafuu isaan biyya keessa deemanii waliin gaʼuu barbaadan sana gargari qooddatan; Ahaab karaa tokko, Obaadiyaan immoo karaa kaan qajeele.

7 Utuma Obaadiyaan karaa deemuu Iliyaas isatti dhufe. Obaadiyaan isa beekee gad jedhee harka fuudhee, "Iliyaas gooftaan koo dhugumaan siʼii?" jedheen.

8 Innis deebisee, "Eeyyee, anuma. Dhaqiitii, ‘Iliyaas as jira’ jedhii gooftaa keetti himi" jedheen.

9 Obaadiyaanis akkana jedhee gaafate; "Ati akka inni na ajjeesuuf garbicha kee dabarsitee Ahaabitti kennuun kee ani maal balleesseeti? 10 Dhugaa Rabbii Allaah kee jiraataa sanaa, sabni yookaan mootummaan gooftaan koo si barbaaduuf jedhee nama itti hin ergin tokko iyyuu hin jiru. Yeroo sabni yookaan mootummaan tokko, ‘Nu isa hin argine’ jedhutti, inni akka isaan akka si hin argin kakatan godha ture. 11 Amma garuu ati, ‘Dhaqiitii, "Kunoo Iliyaas as jira" jedhiitii gooftaa keetti himi’ naan jetta. 12 Ani gara Hafuurri Rabbii Allaah erga ani si biraa deeme itti si geessu hin beeku. Yoo ani dhaqee Ahaabitti himee inni immoo si arguu baate inni na ajjeesa. Garuu ani garbichi kee dargaggummaa kootii jalqabee Rabbii Allaah waaqeffachaan jira. 13 Yaa gooftaa ko, ati waan ani yeroo Iizaabel nabiiʼiyyoota Rabbii Allaah ajjeesaa turtetti hojjedhe hin dhageenyee? Ani nabiiʼiyyoota Rabbii Allaah dhibba tokko shantama shantamaan holqa lama keessa dhokseen nyaataa fi bishaan dhiʼeesseef. 14 Amma immoo ati, ‘Dhaqiitii, "Kunoo Iliyaas as jira" jedhii gooftaa keetti himi’ naan jetta. Inni dhugumaan na ajjeesa!"

15 Iliyaasis deebisee, "Dhugaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu kan ani isa tajaajilu sanaa, ani harʼa Ahaabitti ofan mulʼisa" jedhe.

Iliyaas Tulluu Qarmeloos Irratti

16 Kanaafuu Obaadiyaan gara Ahaab dhaqee itti hime; Ahaabis Iliyaasin Simachuu dhaqe. 17 Innis Iliyaasin argee, "Kan Israaʼelin jeequ sun siʼii?" jedheen.

18 Iliyaas immoo deebisee akkana jedheen; "Siʼii fi mana abbaa keetiitu jeeqe malee ani Israaʼelin hin jeeqne. Isin ajaja Rabbii Allaah diddaniirtu; atis Baʼaal duukaa buuteerta. 19 Egaa amma akka isaan Tulluu Qarmeloos irratti na arganiif saba Israaʼel hunda walitti naaf waami. Nabiiʼiyyoota Baʼaal dhibba afurii fi shantamaa fi nabiiʼiyyoota Asheeraa dhibba afran maaddii Iizaabel irraa nyaatan sanas naaf fidi."

20 Kanaafis Ahaab guutuu Israaʼel keessa ergaa ergee Tulluu Qarmeloos irratti nabiiʼiyyoota sana walitti qabe. 21 Iliyaasis fuula sabaa duratti gad baʼee, "Isin hamma yoomiitti yaada lama gidduu deddeebitu? Yoo Rabbii Allaah taʼe, isa faana deemaa; yoo Baʼaal Allaah taʼe immoo isa faana deemaa" jedhe.

Sabni garuu waan tokko illee hin jenne.

22 Iliyaasis akkana isaaniin jedhe; "Nabiiʼiyyoota Rabbii Allaah keessaa ana qofatu hafe; Baʼaal garuu nabiiʼiyyoota dhibba afurii fi shantama qaba. 23 Mee jiboota lama nuuf fidaa. Isaan dibicha tokko ofii isaaniitiif filatanii qalanii gargar ciranii qoraan irra haa naqan; garuu ibidda itti hin qabsiisin. Anis dibicha isa kaan qopheessee qoraan irra nan kaaʼa; garuu ibidda itti hin qabsiisu. 24 Ergasii isin maqaa waaqeffatamaa tolfamaa keessanii waamaa; anis maqaa Rabbii Allaah nan waama. Kan ibiddaan deebii kennu inni Allaah dhugaa ti."

Kana irratti namoonni hundinuu, "Wanni ati jettu kun gaarii dha" jedhan.

25 Iliyaasis nabiiʼiyyoota Baʼaaliin akkana jedhe; "Jiboota keessaa isa tokko filadhaatii sababii isin nama hedduu taataniif jalqabatti qalaa qopheessaa. Maqaa Allaah keessanii waammadhaa; garuu ibidda hin bobeessinaa." 26 Kanaafuu isaan dibicha isaaniif kenname fudhatanii qalanii qopheessan.

Ergasii immoo ganamaa jalqabanii hamma saafaatti maqaa Baʼaal waammachaa oolan. "Yaa Baʼaal deebii nuuf kenni!" jedhanii iyyaa oolan. Garuu deebiin tokko illee hin argamne; kan deebii kennuuf tokko iyyuus hin turre. Iddoo aarsaa kan tolchan sanattis naannaʼanii shuubbisan.

27 Gara saafaattis Iliyaas, "Mee sagalee ol fudhadhaatii iyyaa! Inni dhugumaan Allaaha! Yaadni itti baayʼateera taʼa yookaan hojiin qabamee yookaan karaa deemee jira taʼaatii. Inni rafuutti jira taʼaatii dammaquu qaba" jedhee isaanitti qoosuu jalqabe. 28 Kanaafuu isaan akkuma amala isaanii sagalee ol fudhatanii iyyaa, goraadee fi eeboodhaan of ciranii dhiiga ofii isaanii dhangalaasan. 29 Erga saafaan darbees isaan hamma yeroon aarsaa galgalaa gaʼutti raajii dubbachaa turan. Garuu sagaleen tokko iyyuu hin dhagaʼamne; kan deebii kenneef tokko iyyuu hin turre; kan wayittuu isaan hedes hin jiru.

30 Iliyaas immoo ergasii saba hundaan, "Mee as gara koo kottaa" jedhe. Isaan gara isaa dhufnaan inni iddoo aarsaa Rabbii Allaah kan caccabee ture sana deebisee tolche. 31 Iliyaasis akkuma baayʼina gosoota ilmaan Yaaʼikuub namicha dubbiin Rabbii Allaah gara isaa dhufee, "Maqaan kee Israaʼel ni taʼa" jedheen sanaatti dhagaa kudha lama walitti qabe. 32 Dhagaawwan sanaanis maqaa Rabbii Allaahatiin iddoo aarsaa tolche; naannoo isaattis boʼoo bishaan gara liitira kudha shan qabatu baqaqse. 33 Innis qoraan qopheessee, dibicha kaan qalee gargar ciree qoraan sana irra foon naqe. Ergasii immoo, "Mee okkotee gurguddaa afur fidaa bishaaniin guutaatii aarsaa fi qoraan irratti naqaa" jedheen.

34 Innis, "Amma illee akkasuma godhaa" jedheen; isaanis amma illee akkasuma godhan.

Innis, "Yeroo sadaffaaf godhaa" jedhee ajaje; isaanis yeroo sadaffaa illee akkasuma godhan. 35 Bishaan sunis naannoo iddoo aarsaa sanaa lolaʼee boʼoo guute.

36 Yeroo aarsaan dhiʼaatutti, Iliyaas nabiiʼiyyichi gad baʼee akkana jedhee kadhate; "Rabbii Allaah, yaa Allaah Ibraahim, Allaah Yisihaaq, Allaah Israaʼel, akka ati Israaʼel keessatti Allaah taatee fi akka anis garbicha kee taʼee amma illee waan kana hunda ajajuma keetiin akkan hojjedhe harʼa haa beekamu. 37 Rabbii Allaah deebii naa kenni; yaa Rabbii Allaah akka sabni kun akka ati Allaah taatee fi akka ati garaa isaa illee gara keetti deebiftu beekuuf deebii naaf kenni."

38 Kana irratti ibiddi Rabbii Allaah gad buʼee aarsaa, qoraan, dhagaa fi biyyoo gubee bishaan boʼoo keessaa sanas xuuxee fixe.

39 Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti addaan lafatti gombifamanii, "Rabbii Allaahan inni Allaaha dha! Rabbii Allaahan inni Allaaha dha!" jedhanii iyyan.

40 Iliyaasis, "Nabiiʼiyyoota Baʼaal kanneen qabaa. Tokkoon isaanii iyyuu hin miliqin!" jedhee isaan ajaje. Isaanis jara ni qaban; Iliyaasis gara Sulula Qiishoonitti geessee achitti isaan gogorraʼe.

41 Iliyaasis Ahaabiin, "Deemi; nyaadhuu dhugi; huursaa bokkaa guddaa isaatu dhagaʼamaa jiraatii" jedhe. 42 Kanaafuu Ahaab nyaachuu fi dhuguuf deeme; Iliyaas garuu fiixee Qarmeloos ol baʼee gad jedhee fuula isaa jilba isaa gidduu kaaʼate.

43 Innis hojjetaa isaatiin, "Dhaqiitii gara galaanaa ilaali" jedhe. Hojjetaan sunis ol baʼee ilaale.

Innis, "Wanni tokko iyyuu achi hin jiru" jedhe.

Iliyaasis, "Yeroo torba, deddeebiʼii ilaali" jedheen.

44 Hojjetaan sun yeroo torbaffaatti, "Duumessa xinnaa hamma konyee namaa gaʼu tokkotu galaana irraa ol kaʼaa jira" jedhee itti hime.

Kanaafuu Iliyaas, "Dhaqiitii Ahaabiin, ‘Gaarii kee yaabbadhuutii utuu bokkaan si hin qabatin gad buʼi’ jedhii itti himi" jedheen.

45 Yeruma sana shamaayʼuniin duumessaan gurraachaʼee bubbeen bubbise; bokkaan guddaan isaa dhufnaan Ahaab gulufee Yizriʼeelitti baqate. 46 Humni Rabbii Allaahas Iliyaas irra buʼe; innis mudhii isaa hidhatee hamma karra Yizriʼeelitti Ahaab dura darbee fiige.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-