Publicidade

1 Reis 19

Iliyaas Gara Kooreebitti Baqate

1 Ahaab waan Iliyaas hojjete hundaa fi akka inni itti nabiiʼiyyoota sana hunda goraadeedhaan fixe Iizaabelitti hime. 2 Kanaafuu Iizaabel nama tokko Iliyaasitti ergitee, "Yoo ani bori yoona lubbuu kee akkuma lubbuu jara sanaa keessaa akka isa tokkoo gochuu baadhe waaqeffatamtoonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu" jetteen.

3 Iliyaas sodaatee lubbuu ofii isaa oolfachuuf kaʼee baqate. Innis yommuu Bersheebaa Yihuudaa keessaa sana gaʼetti hojjetaa ofii achitti dhiisee 4 ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, "Rabbii Allaah na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii" jedhe. 5 Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate.

Kunoo malaʼikkaan Allaah tokko isa tuqee, "Kaʼii waa nyaadhu" jedheen. 6 Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.

7 Malaʼikkaan Rabbii Allaah amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, "Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii" jedheen. 8 Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Allaaha kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme. 9 Achittis holqa tokko seenee keessa bule.

Rabbii Allaahan Iliyaasitti Mulʼate

Dubbiin Rabbii Allaahas gara isaa dhufee, "Iliyaas, ati maal asii hojjetta?" jedheen.

10 Innis akkana jedhee deebise; "Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee iddoowwan aarsaa keetii diigee nabiiʼiyyoota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu."

11 Rabbii Allaahanis, "Gadi baʼiitii fuula Rabbii Allaah dura tulluu irra dhaabadhu; Rabbii Allaahan achiin darbuuf jiraatii" jedheen.

Bubbeen guddaa fi jabaan tokko fuula Rabbii Allaah duratti tulluuwwan gargari dayyaasee kattaawwanis hurreesse; Rabbii Allaahan garuu bubbee sana keessa hin turre. Bubbee sana booddee sochii lafaa guddaa isaatu ture; Rabbii Allaahan garuu sochii lafaa sana keessa hin turre. 12 Sochii lafaa booddee ibiddi ni dhufe; Rabbii Allaahan garuu ibidda sana keessa hin turre. Ibidda sana booddee immoo hasaasa xinnaa tokkotu ture. 13 Iliyaas yommuu waan kana dhagaʼetti uffata ofii isaa fuulatti haguuggatee gara afaan holqa sanaatti hiiqee dhaabate.

Sagaleen tokkos, "Iliyaas ati maal asii hojjetta?" jedheen.

14 Innis akkana jedhee deebise; "Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee, iddoowwan aarsaa keetii diigee nabiiʼiyyoota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu."

15 Rabbii Allaahan garuu akkana jedhee deebiseef; "Karuma dhufte sanaan deebiʼiitii Gammoojjii Damaasqoo dhaqi. Yommuu achi geessutti Hazaaʼeelin dibiitii Sooriyaa irratti mootii godhi. 16 Yehuu ilma Nimshiis akkasuma dibiitii mootii Israaʼel godhi; Al-yaasaʼaa ilma Shaafaaxi kan warra Abeel Mehoolaa sana immoo akka inni nabiiʼiyyii taʼee iddoo kee buʼuuf muudi. 17 Yehuun nama baqatee goraadee Hazaaʼeel jalaa baʼu hunda ni ajjeesa; Al-yaasaʼaanis nama baqatee goraadee Yehuu jalaa baʼu hunda ni ajjeesa. 18 Taʼus ani nama kuma torba kanneen Israaʼel keessatti hambifadhe, warra jilbi isaanii Baʼaaliif hin jilbeenfatin, warra afaan isaaniis isa hin dhungatin qaba."

Waamamuu Al-yaasaʼaa

19 Kanaafuu Iliyaas achii baʼee Al-yaasaʼaa ilma Shaafaaxi argate. Al-yaasaʼaan yeroo sanatti qotiyyoo cimdii kudha lamaatiin lafa qotiisaa qotaa ture; inni mataan isaa immoo cimdii kudha lammaffaa qabatee ture. Iliyaas gara isaa dhaqee kaabbaa ofii isaa isa irra buuse. 20 Al-yaasaʼaanis qotiyyoo ofii isaa dhiisee Iliyaas duukaa fiigee, "Mee takkaa dhaqee abbaa koo fi haadha koo dhungadhee, ‘Nagaatti’ jedheen si duukaa buʼaa" jedhe.

Iliyaas immoo, "Deebiʼi; ani maalin si godhee jira?" jedhee deebiseef.

21 Kanaafuu Al-yaasaʼaan isa dhiisee deebiʼe. Qotiyyoo cimdii tokkoo fuudhee qale. Miʼa ittiin lafa qotiisaa qotu sanas bobeessee foon sana bilcheessee namootaaf kenne; isaanis ni nyaatan. Ergasiis kaʼee Iliyaas duukaa buʼe; tajaajilaa isaas taʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_10-32-54-