Publicidade

1 Reis 11

Niitota Suleyimaan

1 Suleyimaan Mootichi garuu intala Faraʼoon irratti dubartoota biyya ormaa hedduu jaallate; isaanis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Siidoonotaa fi Heetota turan. 2 Jarri kunneen saboota Rabbii Allaahan, "Sababii isaan dhugumaan garaa keessan gara waaqeffatamtoota ofii isaaniitti garagalchaniif isin fuudhaa fi heerumaan jaratti hin makaminaa" jedhee waaʼee isaanii Israaʼelootatti dubbatee turee dha. Taʼus Suleyimaan jaalalaan isaanitti hidhame. 3 Innis niitota maatii moototaa keessaa dhalatan dhibba torbaa fi saajjatoowwan dhibba sadii qaba ture; niitonni isaa kunneenis karaa irraa isa balleessan. 4 Akkuma Suleyimaan umuriidhaan dulloomaa deemeen niitonni garaa isaa gara waaqeffatamtoota biraatti garagalchan; garaan isaas akka garaan abbaa isaa Daawud ture sana guutumaan guutuutti Rabbii Allaah isaatiif hin kennamne. 5 Innis Ashtooreti waaqeffatamtuu Siidoonotaatii fi Moolek waaqeffatamaa tolfamaa Amoonotaa jibbisiisaa sana duukaa buʼe. 6 Suleyimaanis akkasiin fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete; inni akka Daawud abbaan isaa hojjete sana guutumaan guutuutti Rabbii Allaah duukaa hin buune.

7 Suleyimaanis gaara Yerusaalemiin gara baʼa biiftuu jirtu tokko irratti Kemoosh Allaah Moʼaab jibbisiisaa fi Moolek Allaah Amoon jibbisiisaa sanaaf iddoo sagadaa ijaare. 8 Inni akka isaan ixaana aarsanii waaqeffatamtoota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessaniifis niitota isaa kanneen biyya ormaatii fuudhe hundumaaf iyyuu akkasuma godhe.

9 Rabbii Allaahanis sababii garaan Suleyimaan Rabbii Allaah Israaʼel kan yeroo lama isatti mulʼate sana irraa goreef isatti aare. 10 Allaahan akka Suleyimaan waaqeffatamtoota biraa duukaa hin buune isa dhowwu iyyuu, Suleyimaan ajaja Rabbii Allaah hin eegne. 11 Kanaafuu Rabbii Allaahan Suleyimaaniin akkana jedhe; "Sababii yaadni kee akkana taʼee, atis kakuu fi seera ani siif kenne sana hin eeginiif, ani dhugumaan mootummaa sirraa baqaqsee tajaajilaa keetiif nan kenna. 12 Taʼus ani sababii abbaa kee Daawudiif jedhee waan kana bara jireenya keetii keessa hin godhu. Harka ilma keetii keessaa mootummaa kana nan baqaqsa. 13 Taʼus ani mootummaa sana guutumaan guutuutti isa irraa hin baqaqsu; garuu ani sababii garbicha koo Daawudii fi sababii Yerusaalem ishee ani filadhe sanaatiif jedhee gosa tokko ilma keetiif nan kenna."

Diinota Suleyimaan

14 Rabbii Allaahan diina tokko namicha Hadaad jedhamu kan gosa Edoom namicha sanyii moototaa tokko Suleyimaanitti kaase. 15 Duraan yeroo Daawud Edoomiin wal lolaa turetti, Yooʼaab ajajaan loltootaa kan warra duʼe qabbaruu dhaqe sun namoota Edoom hunda barbadeesse. 16 Yooʼaabii fi Israaʼeloonni hundinuu hamma namoota Edoom keessa jiraatan hunda fixanitti jiʼa jaʼa achi turan. 17 Hadaad garuu yeroo sana mucaa xinnaa ture; innis qondaaltota Edoom kanneen abbaa isaa tajaajilaa turan wajjin Gibxitti baqate. 18 Isaanis Midiyaanii kaʼanii Phaaraan dhaqan. Phaaraan keessaas namoota fudhatanii gara mooticha Gibxi, gara Faraʼoon dhaqan; Faraʼoonis mana, lafa inni qubatuu fi nyaata Hadaadiif kenne.

19 Faraʼoon akka malee Hadaaditti gammadee obboleettii niitii isaa, obboleettii Tahifenees Mootittii isatti heerumsiise. 20 Obboleettiin Tahifenees sunis ilma Geenbaat jedhamu tokko deesseef; Taahefenee mucaa sana fuutee masaraa mootummaa keessatti guddifte. Genubatis ijoollee Faraʼoon wajjin achi jiraate.

21 Hadaad utuu biyya Gibxi keessa jiruu akka Daawud abbootii ofii isaa wajjin boqotee fi akka Yooʼaab ajajaan loltootaa sunis duʼe ni dhagaʼe. Hadaadis Faraʼooniin, "Akka ani biyya kootti deebiʼuuf naa eeyyami" jedhe.

22 Faraʼoon immoo, "Ati maal asii dhabdee biyya keetti deebiʼuu feeta?" jedhee isa gaafate.

Hadaadis deebisee, "Homaa hin dhabne; garuu akka ani dhaqu naa eeyyami!" jedheen.

23 Allaahan amma illee diina biraa Rezoon ilma Eliyaadaa namicha gooftaa isaa Hadaadezer mootichaa Zoobaa jalaa baqate sana Suleyimaanitti kaase. 24 Innis yeroo Daawud loltoota Suubaa barbadeessetti namoota of biratti walitti qabatee hoogganaa tuuta finciltootaa taʼe; finciltoonni sunis Damaasqoo dhaqanii achi jiraatan; isas achitti mootii godhatan. 25 Reezoon rakkina Hadaad fide sanatti dabalee bara jireenya Suleyimaan hunda diina Israaʼel ture. Reezoon bulchaa Sooriyaa ture; Israaʼelinis akka malee jibbaa ture.

Yerobiʼaam Suleyimaanitti Finciluu Isaa

26 Yerobiʼaam ilmi Nebaat mootichatti fincile. Innis qondaaltota Suleyimaan keessaa nama tokko ture; inni nama gosa Efraataa kan Zereedaadhaa dhufe ture; haati isaa immoo niitii dhirsa hin qabne kan Zeruwaa jedhamtu turte.

27 Sababiin inni ittiin mootichatti kaʼes kanaa dha: Suleyimaanis Miiloo ijaaree dallaa magaalaa abbaa isaa Daawud deebisee haaromse. 28 Yerobiʼaam goota cimaa ture; Suleyimaanis akka dargaggeessi sun jabaatee hojii isaa hojjetu arginaan itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa kan mana Yuusuf hundaa isa godhe.

29 Gaaf tokko utuu Yerobiʼaam Yerusaalem keessaa baʼaa jiruu Ahiiyaan nabiiʼiyyichi Shiiloo kaabbaa haaraa uffatee isatti dhufe. Isaan lachuu kophuma isaanii ala turan; 30 Ahiiyaan kaabbaa haaraa uffate sana fuudhee iddoo kudha lamatti gargari tarsaase. 31 Ergasiis Yerobiʼaamiin akkana jedhe; "Qooda kudhan ofii keetii fudhadhu; Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Kunoo ani harka Suleyimaaniitii mootummaa baqaqsee gosa kudhan siifin kenna. 32 Garuu sababii garbicha koo Daawudii fi sababii magaalaa Yerusaalem kan ani gosa Israaʼel hunda keessaa filadhe sanaatiif inni gosa tokko ni argata. 33 Ani sababii isaan na dhiisanii Ashtooreti waaqeffatamtuu Siidoonotaa, Kemoosh waaqeffatamaa tolfamaa Moʼaabotaatii fi Moolek waaqeffatamaa tolfamaa Amoonotaa waaqeffatanii fi sababii isaan karaa koo irra hin deeminiif yookaan sababii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hin hojjetiniif yookaan sababii isaan akka Daawud abbaan Suleyimaan hojjete sana sirnaa fi seera koo hin eeginiif waan kana hojjedhe.

34 " ‘Ani garuu mootummaa sana guutumaan guutuutti harka Suleyimaanii hin fuudhu; ani sababii Daawud garbicha koo kan ani filadhe, kan ajaja koo fi sirna koo eege sanaatiif jedhee Suleyimaanin bara jireenya isaa guutuu bulchaa godheera. 35 Ani harka ilma isaatii mootummaa sana fuudhee gosa kudhan siifin kenna. 36 Ani akka garbichi koo Daawud yeroo hunda Yerusaalem magaalaa ani Maqaa koo achi kaaʼachuuf filadhe sana keessatti fuula koo duratti ibsaa qabaatuuf jedhee gosa tokko ilma isaatiif nan kenna. 37 Siʼi garuu ani nan fudhadha; atis waan garaan kee fedhu hunda ni bulchita; Israaʼel irratti mootii ni taata. 38 Yoo ati akkuma garbichi koo Daawud hojjete sana, waan ani si ajaju hunda hojjettee karaa koo irra deemte, yoo ati sirnaa fi ajaja koo eeguudhaan waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hojjete, ani si wajjin nan taʼa. Anis mootummaa bulu kan akkan Daawudiif dhaabe sanaa siifis nan dhaaba; akkasumas Israaʼelin sitti nan kenna. 39 Ani waan kanaaf jedhee sanyii Daawud nan dhiphisa; garuu bara baraanii miti.’ "

40 Suleyimaanis Yerobiʼaamin ajjeesuu yaale; Yerobiʼaam garuu gara Shiishaaq mooticha Gibxitti baqatee hamma Suleyimaan duʼutti achuma ture.

Suleyimaan Duʼuu Isaa

41 Wanni bara mootummaa Suleyimaan keessa hojjetaman kan biraa, wanni inni hojjetee fi ogummaan isaa hundi kitaaba seenaa Suleyimaan keessatti barreeffamanii jiru mitii? 42 Suleyimaan Yerusaalem keessatti mootii taʼee waggaa afurtama saba Israaʼel hunda ni bulche. 43 Innis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa, magaalaa Daawud keessatti ni qabbarame. Rehooboʼaam ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii ni taʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-