1 Yommuu Suleyimaan mana qulqullummaa Rabbii Allaahatii fi masaraa mootummaa ijaaree waan hojjechuu barbaade hunda fixetti, 2 Rabbii Allaahan akkuma Gibeʼoonitti isatti mulʼate sana ammas yeroo lammaffaa isatti mulʼate. 3 Rabbii Allaahan akkana isaan jedhe:
"Ani duʼaa fi waammata ati fuula koo duratti dhiʼeessite dhagaʼeera; ani mana qulqullummaa kan ati ijaarte kana maqaa koo bara baraan achi keessa kaaʼuudhaan eebbiseera. Iji koo fi garaan koo yeroo hunda achuma jira.
4 "Yoo ati akkuma Daawud abbaan kee godhe sana garaa qulqulluu fi qajeelummaan fuula koo dura deemtee waan ani ajaje hunda hojjette, yoo qajeelchawwanii fi seerawwan koo eegde, 5 ani akkuman yeroo, ‘Ati nama teessoo Israaʼel irra taaʼu hin dhabdu’ jedhee abbaa kee Daawudiif waadaa gale sana teessoo mootummaa keetii Israaʼel irratti jabeessee bara baraan nan dhaaba.
6 "Garuu yoo ati yookaan ilmaan kee narraa gortanii ajajawwanii fi qajeelchawwan ani isinii kenne sana irraa gara waaqeffatamtoota biraa tajaajiluu fi isaan waaqeffachuu dhaqxan, 7 ani biyya isaaniif kenne keessaa Israaʼelin nan ariʼa; mana qulqullummaa kan Maqaa kootiif qulqulleesse kana illee nan balfa. Ergasiis Israaʼel saboota hunda biratti waan kolfaatii fi waan qoosaa taati. 8 Manni qulqullummaa kunis tuullaa waan diigamee taʼa; namni achiin darbu hundis dinqisiifatee, ‘Rabbii Allaahan maaliif biyya kanaa fi mana qulqullummaa kanatti waan akkasii hojjete?’ jedhee itti qoosa. 9 Namoonnis, ‘Sababiin inni balaa kana hunda isaanitti fideef waan isaan Rabbii Allaah isaanii kan abbootii isaanii Gibxii isaan baase sana dhiisanii, waaqeffatamtoota biraa hammatanii, isaanin waaqeffatanii tajaajilaniif’ jedhanii ni deebisu."
10 Dhuma waggaa digdamaatti, yeroo itti Suleyimaan manneen lamaan jechuunis mana qulqullummaa Rabbii Allaahatii fi masaraa mootummaa ijaare sanatti, 11 Hiiraam mootichi Xiiroos akkuma Suleyimaan Mootichi barbaadetti muka birbirsaatii fi gaattiraa akkasuma warqee kenneef; Suleyimaan immoo magaalaawwan Galiilaa keessa jiran digdama Hiiraam mooticha Xiiroosiif kenne. 12 Hiiraam garuu yommuu Xiiroos irraa kaʼee magaalaawwan Suleyimaan isaaf kenne ilaaluu dhaqetti magaalaawwan sanatti hin gammanne. 13 Innis, "Yaa obboleessoo, magaalaawwan ati naa kennite kunneen magaalaawwan akkamii ti?" jedhee isa gaafate. Kanaafuu biyya Kaabuul jedhee maqaa hamma harʼaatti ittiin waamaman tokko baaseef. 14 Hiiraamis warqee taalaantii 120 mootichaaf ergee ture.
15 Seenaan itti Suleyimaan Mootichi mana qulqullummaa Rabbii Allaaha, masaraa mootummaa kan ofii isaa Miiloo, dallaa Yerusaalem, Haazoor, Megidoo fi Geezirin ijaaruuf hojjettoota dirqamanii hojii humnaa hojjetanitti fayyadame kanaa dha. 16 Faraʼoon mootichi Gibxi Geezirin lolee qabatee ture. Innis ibidda itti qabsiise; Kanaʼaanota achi keessa jiraatan fixee intala ofii isaa, niitii Suleyimaan sanaaf magaalattii gabbara godhee kenne. 17 Suleyimaanis deebisee Geezirin ijaare. Innis Beet Horoon gad aanu, 18 Baaʼilaati, Tadmoor kan gammoojjii biyya Yihuudaa keessatti argamtu sana, 19 akkasumas magaalaawwan kuusaawwan isaa hunda, magaalaawwan gaariiwwanii fi kan fardeen isaa, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumas ni ijaare.
20 Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin kanneen Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira. 21 Suleyimaanis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni balleessuu hin dandaʼin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise. 22 Suleyimaan garuu Israaʼeloota keessaa nama tokko illee hin garboomsine; isaan loltoota isaa, qondaaltota mootummaa isaa, ajajjuuwwan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi ajajjuuwwan abbootii fardaa isaa turan. 23 Isaan akkasumas hojii Suleyimaan hojjechiisaa ture keessatti qondaaltota hangafoota turan; qondaaltonni 550 hojjettoota hojii hojjetan kana toʼachaa turan.
24 Suleyimaanis erga intalli Faraʼoon sun Magaalaa Daawud keessaa gara masaraa mootummaa kan Suleyimaan isheef ijaare sana dhuftee booddee Miiloo ijaare.
25 Suleyimaan waggaatti yeroo sadii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa iddoo aarsaa kan Rabbii Allaahaf ijaare sana irratti dhiʼeessa ni ture; sana wajjinis, fuula Rabbii Allaah duratti ixaana aarsee akkasiin hojii ijaarsa mana qulqullummaa fixe.
26 Suleyimaan mootichi amma illee Eziyoon Geber ishee biyya Edoom keessa, Eelooti bira jirtu keessatti qarqara Galaana Diimaatti dooniiwwan hojjete. 27 Hiiraamis akka isaan namoota Suleyimaan wajjin dooniiwwan irra hojjetaniif namoota isaa warra doonii oofan kanneen galaanicha beekan erge. 28 Isaanis dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii 420 fidanii Suleyimaan mootichatti kennan.