1 Hiiraam mootichi Xiiroos yommuu akka Suleyimaan abbaa isaa Daawudin iddoo buʼuuf dibame dhagaʼetti ergamoota isaa gara Suleyimaanitti erge; Hiiraam yeroo kam iyyuu michuu Daawud tureetii. 2 Suleyimaanis akkana jedhee Hiiraamiif ergaa kana deebisee erge:
3 "Akka Abbaan koo Daawud sababii waraana karaa hundaan isa marsee ture sanaatiif hamma Rabbii Allaahan diinota isaa miilla isaa jala galchuufitti Maqaa Rabbii Allaah isaatiif mana qulqullummaa ijaaruu hin dandaʼin atuu beekta. 4 Amma garuu Rabbii Allaahan koo karaa hundaan boqonnaa naa kenneera; diinni yookaan balaan tokko iyyuu hin jiru. 5 Kanaafuu ani amma akkuma Rabbii Allaahan abbaa koo Daawudiin, ‘Ilmi kee kan ani iddoo kee teessoo kee irra teessisu Maqaa kootiif mana qulqullummaa ni ijaara’ jedhe sanatti Maqaa Rabbii Allaah kootiif mana qulqullummaa ijaaruu yaadeera.
6 "Kanaafuu akka birbirsi Libaanoon naaf muramu ajaji. Namoonni koo namoota kee wajjin hojjetu; anis mindaa ati hojjettoota keetiif murteessitu kam iyyuu siifin kaffala. Akka nu muka baqaqsuu irratti akka Siidoonotaa ogeeyyii hin taʼin atuu beekta."
7 Hiiraamis yommuu dhaamsa Suleyimaan sana dhagaʼetti akka malee gammadee, "Harʼa Rabbii Allaahan haa eebbifamu; inni akka Suleyimaan saba guddaa kana bulchuuf ilma ogeessa kana Daawudiif kenneeraatii" jedhe.
8 Kanaafuu Hiiraam akkana jedhee Suleyimaanitti ergaa erge:
"Ani ergaa ati naa ergite argadheera; birbirsaa fi jirma birbirsaa dhiʼeessuudhaan waan ati barbaaddu hunda siifan godha. 9 Namoonni koo Libaanoon irraa gara galaanaatti gad fidu; anis walitti hidhee lafa ati filattutti galaana irra siifan erga; achittis gargari nan hiika. Atis muka sana ni fudhatta; warra mana koo jiraataniif immoo nyaata dhiʼeessuudhaan fedhii koo guutta."
10 Hiiraamis akkasiin birbirsaa fi jirma birbirsaa kan Suleyimaaniif barbaachisu dhiʼeessaafii ture. 11 Suleyimaanis akka warra mana Hiiraam jiraataniif nyaata taʼuuf qamadii safartuu qoroosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa kan cuunfame koorii kuma digdama kenne. Suleyimaan ittuma fufee wagguma waggaan waan kana Hiiraamiif kennaa ture. 12 Rabbii Allaahanis akkuma isa abdachiisetti Suleyimaaniif ogummaa ni kenne. Hiiraamii fi Suleyimaan gidduu walitti dhufeenya nagaatu ture; isaan lamaanuu walii galtee godhatan.
13 Suleyimaan mootichis Israaʼel hunda keessaa namoota dirqiidhaan hojii humnaa hojjetan kuma soddoma walitti qabe. 14 Innis akka isaan jiʼa tokko Libaanoon keessa, jiʼa lamaa immoo mana isaanii turaniif jedhee, jiʼa tokko tokkoof nama kuma kudhan qoodee Libaanoonitti erge. Adooniiraam immoo itti gaafatamaa namoota dirqiidhaan hojii humnaa hojjetanii ture. 15 Suleyimaan namoota baʼaa baatan kuma torbaatamaa fi warra dhagaa cabsan kuma saddeettama gaarran keessaa qaba ture; 16 akkasumas namoota hojii hojjechiisanii hojjettoota illee toʼatan kuma sadii fi dhibba sadii qaba ture. 17 Isaanis mootichi ajaja kenninaan dhagoota soofamaniin hundee mana qulqullummaa buusuudhaaf dhagoota gurguddaa fi dhagoota gatii guddaa fidan. 18 Ogeeyyiin hojii harkaa Suleyimaanii fi Hiiraam akkasumas namoonni Gebaal mana qulqullummaa ijaaruuf mukaa fi dhagaa cabsanii qopheessan.