1 Iliyaas namichi Tishbii kan biyya Giliʼaad keessaa magaalaa Tishbiitii dhufe tokko Ahaabiin akkana jedhe; "Dhugaa Allaah Israaʼel, Rabbii Allaah jiraataa ani isa tajaajilu sanaa! Yoo ani dubbadhe malee waggoota muraasa dhufan keessa fixeensi yookaan bokkaan hin jiraatu."
2 Dubbiin Rabbii Allaahas akkana jedhee gara Iliyaas dhufe; 3 "Asii deemiitii gara baʼa biiftuutti qajeelii Laga Keriit kan gama baʼa Yordaanositti argamu keessa dhokadhu. 4 Ati Laga sana keessaa bishaan ni dhugda; anis akka isaan achitti si sooraniif arraageyyii ajajeera."
5 Kanaafuu inni dhaqee waan Rabbii Allaahan isa ajaje sana godhe. Gara Laga Keriit kan gara baʼa Yordaanositti argamu sanaas deemee achi jiraate. 6 Arraageyyiinis ganama ganama buddeenaa fi foon, galgala galgalas buddeenaa fi foon fidaafii turan; innis bishaan Laga sanaa dhuga ture.
7 Yeroo gabaabaa booddee sababii biyya sana keessa roobni hin jiraatiniif lagichis ni goge. 8 Kana irratti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara isaa dhufe; 9 "Dafii gara Saraaphtaa Siidoonaa keessatti argamtu sanaa dhaqiitii achi jiraadhu. Ani akka isheen waan ati nyaattu siif kennituuf haadha hiyyeessaa tokko achitti ajajeeraa." 10 Kanaafuu inni kaʼee Saraaphtaa dhaqe. Yommuu inni karra magaalaa sanaa bira gaʼetti haati hiyyeessaa tokko qoraan funaannachaa turte. Innis ishee waamee, "Maaloo akka ani dhuguuf bishaan xinnoo naa fidi" jedheen. 11 Akkuma isheen bishaan fiduuf deemuu jalqabdeenis ishee waamee, "Maaloo buddeena xinnaa isaa illee naa fidi" jedheen.
12 Isheen immoo akkana jettee deebifte; "Dhugaa Rabbii Allaah kee jiraataa sanaa, ani daakuu konyee tokkittii okkotee keessa jirtuu fi zayitii xinnoo kubbaayyaa keessa jirtu tokko malee buddeena tokko illee hin qabu. Ani akka nu nyaannee duunuuf manatti galee ofii kootii fi ilma kootiif nyaata qopheessuuf jedhee qoraan funaannachaan jira."
13 Iliyaasis akkana jedhee deebiseef; "Hin sodaatin. Galiitii akkuma jette sana godhi. Jalqabatti garuu waanuma qabdu sana irraa Maxinoo xinnaa isaa tolchii naa fidi; ergasii immoo ofii keetii fi mucaa keetiif qopheessi. 14 Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Hamma guyyaa Rabbii Allaah lafa irratti bokkaa roobsuutti daakuun okkotee keessaa hin dhumu; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumu.’ "
15 Isheenis dhaqxee akkuma Iliyaas jedheen sana goote. Kanaafuu Iliyaas, dubartiin sunii fi maatiin ishee guyyaa baayʼee nyaatan. 16 Akkuma dubbii Rabbii Allaah kan inni karaa Iliyaasiin dubbate sanaatti daakuun okkotee keessaa hin dhumne; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumne.
17 Ergasiis ilmi haadha mana sanaa ni dhukkubsate. Dhukkubni isaas ittuma jabaachaa deemee dhuma irratti hafuura baafachuu dadhabe. 18 Isheenis Iliyaasiin, "Yaa nama Allaaha, ati hammina maalii narraa qabda? Ati waaʼee cubbuu koo na yaadachiiftee ilma koo ajjeesuuf dhuftee?" jette.
19 Iliyaas immoo, "Mee ilma kee natti kenni" jedheen. Innis harka isheetii fuudhee baatee kutaa manaa kan ol aanu iddoo ofii jiraatutti geessee siree isaa irra isa ciibse. 20 Ergasii inni, "Yaa Rabbii Allaah ko, ati akka mucaan ishee duʼu gochuudhaan haadha hiyyeessaa kan ani gargaarsa isheetiin jiraadhu kanatti illee rakkoo fiddee?" jedhee gara Rabbii Allaahatti iyye. 21 Innis yeroo sadii mucaa sana irratti diriiree, "Yaa Rabbii Allaah ko, mucaa kana lubbuun isaa itti haa deebitu" jedhee gara Rabbii Allaahatti iyye.
22 Rabbii Allaahanis iyya Iliyaas ni dhagaʼe; lubbuun mucaa sanaas itti deebite; innis ni jiraate. 23 Iliyaasis mucaa sana baatee kutaa ol aanu sana keessaa gad buusee gara manaatti isa geesse. Haadha isaattis isa kennee, "Kunoo mucaan kee jira!" jedheen.
24 Kana irratti dubartiin sun Iliyaasiin, "Ani amma akka ati nama Allaaha taatee fi akka dubbiin Rabbii Allaah kan afaan keetii baʼu dhugaa taʼe beekeera" jette.