Publicidade

1 Reis 15

Abiyaan Mooticha Yihuudaa

1 Bara mootummaa Yerobiʼaam ilma Nebaat keessa, waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe; 2 innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Maʼakaa ture; isheen intala Abiishaaloom turte.

3 Innis cubbuu abbaan isaa isaan dura hojjete hunda hojjete; garaan isaa akka garaan abbaa isaa Daawud ture sana guutumaan guutuutti Rabbii Allaah isaatiif hin kennamne. 4 Taʼu illee Rabbii Allaahan isaa Daawudiif jedhee akka inni isa dhaaluuf ilma isaaf kaasuu fi Yerusaalem jajjabeessuudhaan Yerusaalem keessatti ibsaa kenneef. 5 Daawud yakka Uuriyaa namicha Heet sana irratti hojjete malee fuula Rabbii Allaah duratti waan qajeelaa hojjechuudhaan bara jireenya isaa guutuu ajajawwan Rabbii Allaah eege.

6 Bara jireenya Abiyaa hunda keessa Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture. 7 Wanni bara bulchiinsa Abiyaan keessa taʼe kan biraa fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamee jira mitii? Abiiyaa fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture. 8 Abiyaanis Abbootii ofii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawud keessatti qabbarame. Ilmi isaa Aasaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Aasaa Mooticha Yihuudaa

9 Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdammaffaatti Aasaan mootii Yihuudaa taʼe; 10 innis waggaa afurtamii tokko Yerusaalemin bulche. Maqaan akkoo isaa Maʼakaa ture; isheen intala Abiishaaloom turte.

11 Aasaan akkuma Daawud Abbaan isaa hojjete sana waan fuula Rabbii Allaah duratti qajeelaa taʼe hojjete. 12 Inni mana sagadaa kan dhiirota sagaagalanii biyya sanaa balleessee waaqeffatamtoota tolfamoo abbootiin isaa hojjetan hundas barbadeesse. 13 Akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana diigee Sulula Qeedroon keessatti ni gube. 14 Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti balleessuu baate iyyuu bara jireenya isaa guutuu garaan Aasaa Rabbii Allaahaf kennamee ture. 15 Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Allaahaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti ni galche.

16 Aasaa fi Baʼishaan mooticha Israaʼel gidduu bara mootummaa isaanii guutuu waraanatu ture. 17 Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare.

18 Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa Rabbii Allaahatii fi masaraa mootummaa ofii isaa keessatti hafe hunda fudhate. Innis waan kana qondaaltota isaatti imaanaa kennee gara Ben-Hadaad ilma Xabrimoon ilma Heziyoon mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaatti isaan erge. 19 Innis, "Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani kennaa meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi" jedheen.

20 Ben-Hadaadis yaada Aasaa Mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Innis Iiyoon, Daan, Abeel Beet Maʼaakaa fi Kinereeti hunda Niftaalemin dabalee of jala galfate. 21 Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee Tiirzaatti gale. 22 Aasaan mootichis guutummaa Yihuudaatti ajaja baase; namni tokkos hin hambifamne; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan achitti ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaa mootichis Biniyaam keessatti Gebaa, akkasumas Miisphaa ittiin ijaarrate.

23 Wantoonni bara mootummaa Aasaa keessa hojjetaman kanneen biraa hundi, jabinni isaa hundi, wanni inni hojjete hundii fi magaalaawwan inni ijaare kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? Bara dulluma isaa keessa garuu miilli isaa ni dhukkubsate. 24 Ergasii Aasaan abbootii ofii wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawud keessatti abbootii isaa biratti qabbarame. Yehooshaafaax ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Naadaab Mooticha Israaʼel

25 Naadaab ilmi Yerobiʼaamis bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa lammaffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama Israaʼelin bulche. 26 Innis karuma abbaa isaa irra deemee cubbuu abbaan isaa hojjetee saba Israaʼelinis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete.

27 Utuma Naadaabii fi sabni Israaʼel hundi magaalaa Filisxeemotaa kan Gibetoon jedhamtu marsaa jiranuu Baʼishaan ilmi Ahiiyaa namichi biyya Yisaakor sun Naadaabitti fincilee Gibetoon keessatti dhaʼee isa ajjeese. 28 Baʼishaanis bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa sadaffaatti Naadaabin ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

29 Inni akkuma mootii taʼeen maatii Yerobiʼaam hunda fixe. Akkuma dubbii Rabbii Allaahan karaa garbicha isaa Ahiiyaa namicha Shiilootiin dubbatee ture sanaatti hunda isaanii fixe malee nama hafuura baafatu tokko illee Yerobiʼaamiif hin hambifne. 30 Kunis sababii cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis cubbuu hojjechiisuudhaan Rabbii Allaah Israaʼel dheekkamsaaf kakaaseefii dha.

31 Wantoonni biraa kanneen bara mootummaa Naadaab keessa hojjetamanii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? 32 Aasaa fi Baʼishaan mooticha Israaʼel gidduu bara mootummaa isaanii guutuu waraanatu ture.

Baʼishaan Mooticha Israaʼel

33 Bara Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa sadaffaatti Baʼishaan ilmi Ahiiyaa Tiirzaa keessatti Israaʼel hunda irratti mootii taʼee waggaa digdamii afur bulche. 34 Innis karuma Yerobiʼaam irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-