Publicidade

1 Reis 1

Adooniyaa Mootii Taʼuu Yaale

1 Daawud Mootichi yeroo jaaree dulloometti yoo uffata itti tuulan illee dhagni isaa hin hoʼuuf ture. 2 Kanaafuu tajaajiltoonni isaa akkana jedhaniin; "Durba qulqulluu mooticha tajaajiltuu fi kunuunsitu haa barbaannu. Isheenis gooftaa keenya mootichatti bira ciiftee isa haa hoʼiftu."

3 Isaanis biyya Israaʼel guutuu keessa durba miidhagduu barbaadanii intala Abiishagi jedhamtu kan gosa Suunam tokko argatanii mootichatti fidan. 4 Intalattiin akka malee miidhagduu turte; isheenis mooticha kunuunsite; ni tajaajiltes; mootichi garuu ishee bira hin gaʼu ture.

5 Yeroo sanatti Adooniyaan ilmi Hagiit kan isheen Daawudiif deesse, "Ani mootii nan taʼa" jedhee ol ol of qabe. Kanaafuu inni gaariiwwanii fi fardeen akkasumas namoota fuula isaa dura fiigan shantama qopheeffate. 6 Abbaan isaa immoo, "Ati maaliif waan akkanaa goota?" jedhee gonkumaa isa ifatee hin beeku. Inni gurbaa akka malee miidhagaa kan Abesaaloomitti aanee dhalatee dha.

7 Adooniyaanis Yooʼaab ilma Zeruuyaatii fi Abiyaataar lubichaan mariʼate; isaanis isa deeggaran. 8 Garuu Zaadoq lubichi, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa, Naataan nabiiʼiyyichi, Shimeʼiin, Reeʼii fi eegdonni Daawud filatamoon Adooniyaa wajjin hin turre.

9 Adooniyaanis dhagaa Zoohelet isa naannoo Een Roogeelitti argamu biratti hoolaa, korma looniitii fi jabboota coccoomoo aarsaa dhiʼeesse. Innis obboloota isaa ilmaan mootichaa hunda, namoota Yihuudaa kanneen qondaaltota mootichaa taʼan hunda ni waame; 10 garuu Naataan nabiiʼiyyicha yookaan Benaayaa yookaan eegdota filatamoo yookaan obboleessa isaa Suleyimaanin hin waamne.

11 Ergasii Naataan akkana jedhee Batisheebaa haadha Suleyimaan gaafate; "Ati akka Adooniyaan ilmi Hagiitii, utuu gooftaan keenya Daawud quba hin qabaatin mootii taʼe hin dhageenyee? 12 Mee amma kottu akka ati itti lubbuu keetii fi lubbuu ilma kee Suleyimaan oolchuu dandeessu si gorsaa. 13 Amma gara Daawud mootichaa dhaqiitii, ‘Yaa gooftaa koo mootii, ati, "Ilmi kee Suleyimaan anatti aanee dhugumaan mootii ni taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa" jettee ana garbittii keetiif hin kakannee? Yoos Adooniyaan maaliif mootii taʼe?’ jedhiin. 14 Anis utuma ati achitti mooticha wajjin dubbachaa jirtuu dhufee waan ati jettu sana siif mirkaneessa."

15 Kanaafuu Batisheebaan kaatee mootii dulloome sana arguuf gara kutaa Abiishagi intalli gosa Suunam sun itti isa kunuunsaa turteetti ol seente. 16 Batisheebaan gad jettee fuula mootichaa duratti jilbeenfatte.

Mootichis, "Ati maal barbaadda?" jedhee gaafate.

17 Isheenis akkana jettee deebifteef; "Yaa gooftaa ko, ati mataan kee, ‘Ilmi kee Suleyimaan natti aanee mootii ni taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa’ jettee maqaa Rabbii Allaah keetiitiin ana garbittii keetiif kakattee turte. 18 Amma garuu Adooniyaan mootii taʼeera; ati gooftaan koo mootichis waan kana quba hin qabdu. 19 Inni kunoo sangoota, jabboota coccoomoo fi hoolota baayʼee aarsaa dhiʼeessee ilmaan mootii hunda, Abiyaataar lubichaa fi Yooʼaab ajajaa loltootaa waameera; garuu garbicha kee Suleyimaanin hin waamne. 20 Yaa gooftaa koo mooticha, si booddeedhaan eenyu teessoo gooftaa koo mootichaa irra akka taaʼu sirraa beekuudhaaf iji Israaʼel hundi sirra jira. 21 Yoo kanaa achii yeroo gooftaan koo mootichi abbootii isaa wajjin boqotutti anii fi ilmi koo Suleyimaan akka nama balleessaa qabuutti ilaalamna."

22 Utuma isheen amma illee mooticha wajjin dubbachaa jirtuu Naataan nabiiʼiyyichi ni dhufe. 23 Isaanis, "Naataan nabiiʼiyyichi as jira" jedhanii mootichatti himan. Kanaafuu Naataan dhufee fuula mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe.

24 Naataanis akkana jedhe; "Yaa gooftaa koo mootii, ati, ‘Adooniyaan natti aanee mootii taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa’ jetteertaa? 25 Inni harʼa gad buʼee sangoota, jabboota coccoomoo fi hoolota baayʼee aarsaa dhiʼeesseera. Ilmaan mootichaa hunda, ajajjoota loltootaatii fi Abiyaataar lubicha waameera. Isaan amma iyyuu isa wajjin nyaachaa dhugaa, ‘Adooniyaan mootichi bara dheeraa haa jiraatu!’ jechaa jiru. 26 Garuu ana garbicha kee, Zaadoq lubicha, Benaayaa ilma Yehooyaadaatii fi garbicha kee Suleyimaanin hin waamne. 27 Egaa kun waan gooftaan koo mootichi utuu isa booddeedhaan eenyu akka teessoo gooftaa koo mootichaa irra taaʼu garbicha isaa hin beeksisin hojjeteedhaa?"

Daawud Suleyimaanin Mootii Taasise

28 Daawud mootichi, "Mee Batisheebaa ol waamaa" jedhe. Kanaafuu isheen gara mootichaatti ol seentee fuula isaa dura dhaabatte.

29 Mootichis akkana jedhee kakateef; "Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa isa rakkina hundumaa keessaa na baase sanaa, 30 ani waan duraan maqaa Rabbii Allaah Israaʼeliin siif kakadhe sana harʼa dhugumaan siif guuta. Ilmi kee Suleyimaan na booddeedhaan mootii taʼa; iddoo koos teessoo koo irra ni taaʼa."

31 Batisheebaanis addaan gad jettee harka fuutee fuula mootichaa duratti jilbeenfattee, "Gooftaan ko, Daawud mootichi bara baraan haa jiraatu!" jette.

32 Daawud mootichis, "Mee Zaadoq lubicha, Naataan nabiiʼiyyichaa fi Benaayaa ilma Yehooyaadaa as waamaa" jedhe. Yommuu isaan fuula mootichaa duratti dhiʼaatanitti, 33 inni akkana isaaniin jedhe: "Garboota gooftaa keessanii of faana fudhadhaatii ilma koo Suleyimaanin gaangoo koo irra teessisaatii Giihoonitti gad buusaa. 34 Achittis Zaadoq lubichii fi Naataan nabiiʼiyyichi Israaʼeloota irratti mootii godhanii isa haa diban. Malakata afuufaatii, ‘Suleyimaan mootichi bara dheeraa haa jiraatu!’ jedhaa iyyaa. 35 Isinis ergasii isa wajjin ol baʼuu qabdu; innis dhufee teessoo koo irra taaʼee iddoo koo buʼee mootii taʼuu qaba. Ani akka inni bulchaa taʼuuf Israaʼelii fi Yihuudaa irratti isa muudeera."

36 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa akkana jedhee mootichaaf deebise; "Ameen! Rabbii Allaahan gooftaa koo mootichaa akkasuma haa jedhu. 37 Rabbii Allaahan akkuma gooftaa koo mooticha wajjin ture Suleyimaan wajjin haa taʼu; teessoo isaas teessoo gooftaa koo Daawud mootichaa caalaa haa jabeessu!"

38 Kanaafuu Zaadoq lubichi, Naataan nabiiʼiyyichi, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa, Kereetonnii fi Pheletonni gad buʼanii gaangoo Daawud mootichaa irra Suleyimaan teessisanii Giihoonitti geessan. 39 Zaadoq lubichi dunkaana qulqulluu keessaa gaanfa zayitii fuudhee Suleyimaaniin dibe. Isaanis malakata afuufanii namoonni hundi, "Suleyimaan mootichi bara dheeraa haa jiraatu!" jedhanii iyyan. 40 Namoonni hundi hamma sagalee sanaan lafti sochootutti faaggaa afuufaa gammachuu guddaadhaan isa faana ol baʼan.

41 Adooniyaa fi keessummoonni isa wajjin turan akkuma nyaata isaanii fixataniin waan kana dhagaʼan. Yooʼaabis sagalee malakataa dhageenyaan, "Iyyi magaalaa keessaa kun hundi maalii?" jedhee gaafate.

42 Utuma inni dubbachuutti jiruu, Yonaataan ilmi Abiyaataar lubichaa ni dhufe. Adooniyaanis, "Ol seeni. Jabaan akka keetii kun oduu gaarii fiduu qabaa" jedhe.

43 Yonaataanis akkana jedhee deebise; "Akkas miti! Gooftaan keenya Daawud mootichi, Suleyimaanin mootii godheera. 44 Mootichis Zaadoq lubicha, Naataan nabiiʼiyyicha, Benaayaa ilma Yehooyaadaa, Kereetotaa fi Pheletota isa wajjin erge; isaanis gaangoo mootichaa irra isa teessisan; 45 Zaadoq lubichii fi Naataan nabiiʼiyyichi Giihoonitti mootii godhanii isa dibaniiru. Isaan gammachuudhaan achii ol baʼan; magaalattiinis iyya isaaniitiin sochoofamte; wacni isin dhageessan kunis kanaa dha. 46 Kana caalaa iyyuu Suleyimaan teessoo mootummaa irra taaʼeera. 47 Qondaaltonni mootiis, ‘Allaahan kee maqaa kee caalaa maqaa Suleyimaan beekamaa godhee teessoo isaa illee teessoo kee caalaa haa guddisu!’ jedhanii gooftaa keenya Daawud mooticha eebbisuuf dhufaniiru. Mootichis siree isaa irratti gad jedhee sagade; 48 innis, ‘Rabbii Allaahan, Allaahan Israaʼel kan akka iji koo harʼa nama iddoo koo buʼee teessoo koo irra taaʼu argitu naa eeyyame sun haa eebbifamu’ jedhe."

49 Kana irrati keessummoonni Adooniyaa hundi rifatanii kaʼanii bibittinnaaʼan. 50 Adooniyaan garuu Suleyimaanin sodaatee dhaqee gaanfa iddoo aarsaa qabate. 51 Suleyimaanittis akkana jedhamee himame; "Adooniyaan Suleyimaan mooticha sodaatee gaanfa iddoo aarsaa qabatee itti cicheera. Innis, ‘Suleyimaan mootichi akka goraadeedhaan garbicha isaa hin ajjeefne harʼa naaf haa kakatu’ jedhe."

52 Suleyimaanis, "Yoo inni amanamaa taʼuu isaa mirkaneesse rifeensa mataa isaa keessaa tokko iyyuu lafa hin buʼu; garuu yoo hamminni isa keessatti argame inni ni duʼa" jedhee deebise. 53 Suleyimaan mootichis nama itti erge; isaanis iddoo aarsaa biraa gad isa fidan. Adooniyaanis dhufee fuula Suleyimaan mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe; Suleyimaanis, "Deemi, mana keetti gali" jedheen.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-