Publicidade

1 Reis 13

Nama Allaaha Yihuudaadhaa Dhufe

1 Utuma Yerobiʼaam aarsaa dhiʼeessuuf iddoo aarsaa bira dhaabachaa jiruu namni Allaaha tokko ajaja Rabbii Allaahatiin Yihuudaadhaa baʼee Beetʼeel dhufe. 2 Innis ajaja Rabbii Allaahatiin iddoo aarsaa sanaan mormuudhaan iyyee akkana jedhe; "Yaa iddoo aarsaa, yaa iddoo aarsaa! Rabbii Allaahan akkana jedha; ‘Kunoo ilmi Yosiyaas jedhamu tokko mana Daawud keessaa ni dhalata. Innis luboota iddoo sagadaa kan gaarran irraa warra amma asitti aarsaa dhiʼeessaa jiran kanneen aarsaa godhee sirratti ni dhiʼeessa; lafeen namaas sirratti ni gubama.’ " 3 Namni Allaaha sunis gaafasuma akkana jedhee mallattoo kenne; "Mallattoon Rabbii Allaahan dubbate kanaa dha; kunoo iddoon aarsaa gargar baqaqa; daaraan isa irra jirus gad jiga."

4 Yerobiʼaam mootichi yommuu waan namni Allaaha sun iyyee iddoo aarsaa kan Beetʼeel sanaan mormuudhaan dubbate dhagaʼetti iddoo aarsaa biraa namichatti harka qabee, "Isa qabaa!" jedhe. Harki inni namichatti qabe sun garuu gogee hafe; innis harka isaa deebifachuu hin dandeenye. 5 Iddoon aarsaa sunis akkuma mallattoo namni Allaaha sun dubbii Rabbii Allaahatiin kenne sanaatti gargari baqaqee daaraan isa irra tures lafatti gad jige.

6 Mootichi nama Allaaha sanaan, "Maaloo akka harki koo deebiʼee naa fayyuuf Rabbii kee Allaah duratti jabeessii duʼaa naa duʼaa godhi." Kanaafuu namni Allaaha sun Rabbii Allaah duratti jabeessee duʼaa godheef; harki mootichaas fayyee akkuma duraatti deebiʼeef.

7 Mootichi nama Allaaha sanaan, "Kottu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu; anis kennaa siifin kennaa" jedhe.

8 Namni Allaaha sun garuu akkana jedhee mootichaaf deebii kenne; "Yoo ati walakkaa qabeenya keetii illee naa kennite ani si wajjin hin deemu yookaan asitti buddeena hin nyaadhu yookaan bishaan hin dhugu. 9 Ani, ‘Buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte kanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Rabbii Allaahatiin ajajameeraatii." 10 Kanaafuu inni karaa biraa qabatee deeme malee karaa gara Beetʼeel dhufe sanaan hin deebine.

11 Jaarsa nabiiʼiyyii tokkotu Beetʼeel keessa jiraachaa ture; ilmaan isaas gara isaa dhufanii waan namni Allaaha sun guyyaa sana achitti hojjete hunda isatti himan. Isaan waan inni mootichaan jedhes abbaa isaaniitti himan. 12 Abbaan isaaniis, "Inni karaa kamiin deeme?" jedhee isaan gaafate. Ilmaan isaa immoo karaa namni Allaaha kan Yihuudaadhaa dhufe sun qabatee deeme isatti argisiisan. 13 Kana irratti inni ilmaan isaatiin, "Harree irra kooraa naaf kaaʼaa" jedhe. Isaanis harree irra kooraa keenyaaniif inni harree sana yaabbatee 14 gulufee nama Allaaha sana duukaa buʼe. Utuu inni muka qilxuu tokko jala taaʼuus argee, "Namni Allaaha kan Yihuudaadhaa dhufe sun siʼii?" jedhee isa gaafate.

Namichis, "Eeyyee ana" jedhee deebise.

15 Nabiiʼiyyiin sunis, "Kottuu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu" jedheen.

16 Namni Allaaha sun garuu akkana jedhee deebiseef; "Ani deebiʼee si wajjin deemuu yookaan asitti si wajjin buddeena nyaachuu yookaan bishaan dhuguu hin dandaʼu. 17 Ani, ‘Ati achitti buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte sanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Rabbii Allaahatiin ajajameeraatii."

18 Jaarsi nabiiʼiyyiin sunis akkana jedhee deebii kenneef; "Ani iyyuu akkuma kee nabiiʼiyyii dha. Malaʼikkaan Allaah tokkos dubbii Rabbii Allaahatiin akkana naan jedhe; ‘Akka inni buddeena nyaatee bishaan dhuguuf deebisii gara mana keetii isa fidi.’ " Jaarsi sun garuu isa sobe. 19 Kanaafuu namni Allaaha sun isa wajjin deebiʼee mana isaatti nyaatee dhuge.

20 Utuma isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu dubbiin Rabbii Allaah jaarsa nabiiʼiyyii isa deebisee fide sanatti dhufe. 21 Innis nama Allaaha kan Yihuudaadhaa dhufe sanatti iyyee akkana jedhe; "Rabbii Allaahan akkana jedha, ‘Ati dubbii Rabbii Allaah xureessiteerta; ajaja Rabbii Allaahan kee siif kennes hin eegne. 22 Ati dugda duuba deebitee lafa inni itti hin nyaatin yookaan hin dhugin siin jedhe sanatti buddeena nyaattee bishaan illee dhugdeerta. Kanaafuu reeffi kee qabrii abbootii keetii keessatti hin qabbaramu.’ "

23 Yommuu namni Allaaha sun nyaatee dhugee raawwatetti, nabiiʼiyyiin deebisee isa fide sun harree isaa irra kooraa kaaʼeef. 24 Akkuma inni karaa ofii qabateen leenci tokko karaa irratti itti dhufee isa ajjeese; reeffi isaas karaa irratti gatamee harree fi leenci sun reeffa sana bira dhadhaabatanii turan. 25 Namoonni achiin darban tokko tokko reeffa karaa irratti gatamee leenci bira dhaabate sana arganii gara magaalaa jaarsi nabiiʼiyyiin sun jiraatuu dhaqanii odeessan.

26 Nabiiʼiyyichi karaadhaa deebisee isa fide sun yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; "Inni nama Allaaha kan dubbii Rabbii Allaahatiif ajajamuu dide sanaa dha. Akkuma dubbiin Rabbii Allaah isatti dubbatee ture sanatti Rabbii Allaahan leenca cicciree isa ajjeesutti dabarsee isa kenne."

27 Nabiiʼiyyiin sunis ilmaan ofii isaatiin, "Harree irra kooraa naaf kaaʼaa" jedhe; isaanis akkasuma godhan. 28 Innis kaʼee deemee reeffa namichaa kan karaa irratti gatamee harree fi leenci sun bira dhadhaabatan arge. Leenci sun immoo reeffa sana hin nyaanne yookaan harree sana hin ciccirre. 29 Kanaafuu nabiiʼiyyiin sun booʼeefii isa qabbaruuf jedhee reeffa nama Allaaha sana harree irra kaaʼee fudhatee magaalaa ofii isaatti gale. 30 Innis reeffa sana qabrii ofii isaa keessa ciibse; isaanis, "Wayyoo, yaa obboleessa koo!" jedhanii booʼaniif.

31 Innis erga isa qabbaree booddee ilmaan ofii isaatiin akkana jedhe; "Yoo ani duʼe qabrii namni Allaaha kun itti qabbarame keessatti na qabbaraa; lafee koos lafee isaa bira kaaʼaa. 32 Ergaan inni iddoo aarsaa kan Beetʼeel keessaatii fi iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Samaariyaa keessa gaarran irra jiran sana hundaan mormuudhaan dubbii Rabbii Allaahatiin labse sun dhugumaan ni guutamaatii."

33 Kana booddees Yerobiʼaam karaa isaa hamaa sana irraa hin deebine; garuu amma illee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa sanaaf saba hunda keessaa luboota muude. Innis nama luba taʼuu fedhu kam iyyuu iddoo sagadaa sanaaf addaan baase. 34 Cubbuun mana Yerobiʼaam kan kufaatii isaatii fi lafa irraa badiisa isaa fide sun kana ture.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-