Publicidade

1 Reis 8

Taabonni Kakuu Mana Qulqullummaatti Galfame

1 Ergasii Suleyimaan Mootichi Xiyoon Magaalaa Daawud irraa taabota kakuu Rabbii Allaah ol fichisiisuudhaaf jedhee maanguddoota Israaʼel, abbootii gosootaa hundaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel Yerusaalemitti fuula ofii isaa duratti walitti waame. 2 Israaʼeloonni hundinuus jiʼa Eetaaniim, jiʼa torbaffaa keessa yeroo ayyaanaatti Suleyimaan Mooticha biratti walitti qabaman.

3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi achi gaʼanitti luboonni taaboticha ol fuudhan; 4 isaanis taabota Rabbii Allaah sana, dunkaana wal gaʼiitii fi miʼoota qulqulleeffaman dunkaanicha keessa turan hunda ni fidan. Luboonnii fi Lewwonnis baatanii ol isaan fidan; 5 Suleyimaan Mootichii fi waldaan Israaʼel kan isa biratti walitti qabaman guutuun hoolotaa fi loon akka malee baayʼatanii galmeessuu fi lakkaaʼuun hin dandaʼamne aarsaa dhiʼeessaa isa wajjin fuula taabotaa dura turan.

6 Luboonnis ergasii taabota kakuu Rabbii Allaah sana iddoo isaa gara kutaa qulqullicha mana qulqullummaa keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanatti ol galchanii qoochoo kiirubeelii jala kaaʼan. 7 Kiirubeeliinis iddoo taabotichaa irratti qoochoowwan isaanii babalʼisanii taabotichaa fi danqaraawwan ittiin taabota baatan gaaddiseessan. 8 Danqaraawwan kunneen waan akka malee dhedheerataniif fiixeen isaanii Iddoo Qulqulluu fuula iddoo qulqulluu gara keessaa jiru sanaa duraa ni mulʼatu ture; garuu Iddoo Qulqulluu sanaa alatti hin mulʼatan ture; danqaraawwan kunneen hamma harʼaatti illee achuma jiru. 9 Taabota sana keessa gabateewwan dhagaa kanneen Muusaan Kooreebitti iddoo Rabbii Allaahan erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii booddee itti isaan wajjin kakuu seene sanatti isa keessa kaaʼe lamaan malee wanni tokko iyyuu hin turre.

10 Akkuma luboonni Iddoo Qulqulluu sana keessaa baʼaniin duumessi mana qulqullummaa Rabbii Allaah guute. 11 Luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni Rabbii Allaah mana qulqullummaa isaa guutee tureetii.

12 Ergasii Suleyimaan akkana jedhe; "Rabbii Allaahan akka duumessa dukkanaaʼaa keessa jiraatu dubbateera; 13 ani dhugumaan mana qulqullummaa guddaa, iddoo ati bara baraan jiraattu siif ijaareera."

14 Utuma waldaan Israaʼel guutuun achi dhaabatuu mootichi of irra garagalee isaan eebbise. 15 Akkanas jedhe:

"Rabbii Allaahan Israaʼel inni waan afaan ofii isaatiin abbaa koo Daawudiif waadaa gale sana harkuma ofii isaatiin guute sun haa eebbifamu. Innis akkana jedhee tureetii; 16 ‘Ani gaafan saba koo Israaʼelin Gibxii baasee jalqabee akka Maqaan koo achi jiraatuuf jedhee mana qulqullummaa itti ijaarsifachuuf gosoota Israaʼel kam iyyuu keessatti magaalaa tokko illee hin filanne; garuu akka inni saba koo Israaʼelin bulchuuf Daawudin filadheera.’

17 "Daawud abbaan koo Maqaa Rabbii Allaah Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaruuf garaa isaatii yaada qaba ture. 18 Rabbii Allaahan garuu abbaa koo Daawudiin akkana jedhe; ‘Waan mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaruun yaada kee keessa jiruuf, ati yaada kana garaadhaa qabaachuun kee gaarii dha. 19 Taʼus namni mana qulqullummaa naaf ijaaru siʼi miti; garuu ilma kee isuma foon keetii fi dhiiga kee taʼetu ijaara; namni mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaru isa.’

20 "Rabbii Allaahan waadaa gale sana eegeera; akkuma Rabbii Allaahan waadaa gale sana ani amma iddoo abbaa koo Daawud buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeen jira; Maqaa Rabbii Allaah Israaʼeliifis mana qulqullummaa ijaareera. 21 Anis achi keessatti taabotaaf iddoo qopheesseera; taabota sana keessa immoo kakuu Rabbii Allaah kan inni yeroo Gibxii isaan baasetti abbootii keenya wajjin gale sanatu jira."

Kadhaa Suleyimaan

22 Suleyimaan iddoo aarsaa Rabbii Allaah duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa gara shamaayʼuniitti ol balʼisee 23 akkanas jedhe:

"Yaa Rabbii Allaah Israaʼel, Allaahan akka keetii ol shamaayʼun keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda. 24 Ati waadaa garbicha kee abbaa koo Daawudiif galte sana eegdeerta; ati afaanuma keetiin waadaa galtee akkuma harʼa taʼee jiru kana harka keetiin fiixaan baafteerta.

25 "Ammas yaa Rabbii Allaah Israaʼel, ati waan garbicha kee abbaa koo Daawudiin, ‘Yoo ilmaan kee akkuma ati goote sana waan hojjetan hunda keessatti of eeggachaa, amanamummaan fuula koo dura deddeebiʼan, ati nama fuula koo dura teessoo Israaʼel irra taaʼu gonkumaa hin dhabdu’ jettee abdachiifte sana eegiif. 26 Kanaafuu amma yaa Allaah Israaʼel dubbiin ati garbicha kee abbaa koo Daawudiif waadaa galte sun haa mirkanaaʼu.

27 "Garuu dhugumaan Allaahan lafa irra ni jiraataa? Shamaayʼuniiwwan, shamaayʼuniiwwan shamaayʼun olii iyyuu si baachuu hin dandaʼan. Yoos manni qulqullummaa kan ani ijaare kun hammam haa xinnaatu ree! 28 Taʼus yaa Rabbii Allaah ko, duʼaa fi waammata garbichi kee araara barbaaduuf dhiʼeessuuf gurra kenni. Iyyaa fi duʼaa garbichi kee harʼa fuula kee duratti dhiʼeessu illee dhagaʼi. 29 Akka ati duʼaa garbichi kee fuula isaa garanatti deebifatee godhatuuf iji kee halkanii fi guyyaa gara mana qulqullummaa kanaa, gara iddoo ati, ‘Maqaan koo achi jiraata’ jette kanaa haa ilaalu. 30 Yommuu isaan gara iddoo kanaatti fuula deebifatanii duʼaa godhatanitti waammata garbicha keetii fi kan saba kee Israaʼel dhagaʼi. Shamaayʼun keessaa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi; yommuu dhageessuttis dhiifama godhi.

31 "Yoo namni tokko ollaa ofii isaatti daba hojjetee akka kakatu gaafatamee, innis dhufee mana qulqullummaa kana keessatti fuula iddoo aarsaa keetii duratti kakate, 32 ati shamaayʼun irraa dhagaʼiitii tarkaanfii fudhadhu. Nama yakka qabu, yakka isaa matuma isaatti deebistee gatii isaa kennuufiidhaan, nama qajeelaa immoo akkuma qajeelummaa isaatti isaaf falmuudhaan garboota kee gidduutti murtii kenni.

33 "Yoo sabni kee Israaʼel sababii cubbuu sitti hojjeteef diinaan moʼatamutti, yoo inni gara keetti deebiʼee maqaa keetiif ulfina kennee mana qulqullummaa kana keessatti duʼaa godhatee si waammatutti, 34 shamaayʼun irraa dhagaʼiitii cubbuu saba kee Israaʼel dhiisiif; biyya abbootii isaaniitiif kennite sanattis deebisii isaan galchi.

35 "Yoo sababii sabni kee cubbuu sitti hojjeteef shamaayʼuniiwwan cufamanii bokkaan dhabame, yoo isaan sababii ati isaan adabdeef iddoo kanatti fuula deebifatanii maqaa kee ulfeessanii cubbuu isaanii irraa deebiʼan, 36 ati shamaayʼun irraa dhagaʼiitii cubbuu garboota kee saba kee Israaʼel dhiisiif. Karaa qajeelaa isaan jiraachuu qaban isaan barsiisi; biyya dhaala gootee saba keetiif kennite irrattis bokkaa roobsi.

37 "Yommuu beelli yookaan dhaʼichi yookaan waagiin yookaan awwaaroon yookaan hawwaannisni yookaan korophisni biyyatti dhufutti, yookaan yommuu magaalaawwan biyya isaanii kam iyyuu keessatti diinni isaan marsutti, yookaan yommuu balaan yookaan dhukkubni kam iyyuu dhufutti, 38 yoo sabni kee Israaʼel rakkina garaa ofii isaa beekee isaan keessaa eenyu iyyuu gara mana qulqullummaa kanaatti harka isaa balʼisee duʼaa yookaan waammata dhiʼeesse, 39 ati shamaayʼun irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Dhiifama godhiif; gargaaris. Si qofatu garaa namaa beekaatii, ati sababii garaa isaa beektuuf tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaa hundaatti waan isaaf malu kenni; 40 yoo akkasii isaan bara biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa jiraatan hunda si sodaataniif.

41 "Akkasumas nama ormaa kan saba kee Israaʼel hin taʼin kan maqaa keetiif jedhee, 42 sababii isaan waaʼee maqaa kee guddichaa, harka kee jabaa fi irree kee kan diriirfame sanaa dhagaʼaniif biyya fagootii dhufe, yoo inni dhufee fuula isaa gara mana qulqullummaa kanaatti deebifatee duʼaa godhate, 43 ati shamaayʼun irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Akka saboonni addunyaa hundinuu akkuma saba kee Israaʼel sana maqaa kee beekanii si sodaatanii fi akka isaan akka manni ani ijaare kun maqaa keetiin waamamu illee beekaniif jedhii waan namni ormaa sun si kadhatu hunda godhiif.

44 "Yommuu sabni kee diinota isaa loluuf jedhee gara ati itti isa ergitu kam iyyuu duulutti, yoo inni gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare kanaatti fuula deebifatee Rabbii Allaah duratti duʼaa godhate, 45 ati shamaayʼun irraa duʼaa isaatii fi waammata isaa dhagaʼiitii dhimma isaa isaaf raawwadhu.

46 "Sababii namni cubbuu hin hojjenne tokko iyyuu hin jirreef, yommuu isaan cubbuu sitti hojjetanitti ati isaanitti aartee diina isaan boojiʼee biyya isaa kan fagoo yookaan dhiʼootti isaan geessutti dabarsitee isaan kennita; 47 yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffamanitti gaabbanii qalbii geeddaratanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerra; waan hamaas hojjenneerra’ jedhanii biyya boojitoota isaanii keessatti si duratti duʼaa godhatan, 48 yoo isaan biyya diinota isaanii kanneen boojiʼanii isaan fudhatan sanaa keessatti garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan gara keetti deebiʼanii gara biyya ati abbootii isaaniitiif kenniteetti, gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare sanaatti fuula deebifatanii si duratti duʼaa godhatan, 49 ati shamaayʼun irraa, iddoo jireenya keetiitii duʼaa fi waammata isaanii dhagaʼiitii dhimma isaanii isaaniif raawwadhu. 50 Saba kee kan cubbuu sitti hojjeteefis dhiifama godhi; yakka isaan sitti hojjetan hundas isaaniif dhiisiitii akka boojitoonni isaanii garaa isaaniif laafan godhi; 51 isaan saba keetii fi dhaala kee kan ati Gibxii boolla ibiddaa kan sibiila itti baqsan keessaa baafteedhaatii.

52 "Iji kee waammata garbicha keetiitii fi waammata saba kee Israaʼel haa argu; atis yeroo isaan sitti iyyatan hunda isaan dhagaʼi. 53 Rabbii Allaah Gooftaa, ati akkuma gaafa Gibxi keessaa abbootii keenya baafte sana karaa garbicha kee Muusaatiin dubbattetti, akka isaan dhaala kee taʼaniif jettee saboota addunyaa kanaa hunda keessaa isaan filatteetii."

54 Suleyimaanis duʼaa fi waammata Rabbii Allaahatti dhiʼeeffachaa ture sana hunda fixannaan fuula iddoo aarsaa Rabbii Allaah duraa, iddoo itti harka isaa shamaayʼuniitti ol balʼifatee jilbeenfatee ture sanaa kaʼe. 55 Innis dhaabatee akkana jedhee sagalee guddaadhaan waldaa Israaʼel hunda eebbise:

56 "Rabbii Allaahan akkuma abdachiisee ture sanatti saba isaa Israaʼeliif boqonnaa kenne sanaaf galanni haa taʼu. Abdii gaarii inni karaa garbicha isaa Muusaatiin kenne sana hunda keessaa jechi tokko iyyuu lafa hin buune. 57 Rabbii Allaahan keenya akkuma abbootii keenya wajjin ture sana nu wajjin haa jiraatu; inni yoom iyyuu nu hin dhiisin yookaan nu hin gatin. 58 Akka nu karaa isaa hunda irra deemnee ajajawwan, seerawwanii fi qajeelchawwan inni abbootii keenyaaf kennee ture sana eegnuuf inni garaa keenya gara ofii isaatti haa deebisu. 59 Akka Rabbii Allaahan akkuma guyyaa guyyaan barbaachisaa taʼetti garbicha isaatii fi saba isaa Israaʼel hunda gargaaruuf duʼaan koo kan ani fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼeessu kun halkanii fi guyyaa Rabbii Allaah keenya bira haa gaʼu; 60 kunis akka sabni lafa irra jiraatu hundi akka Rabbii Allaah taʼee fi akka isa malee Allaahan biraa hin jirre beekuuf. 61 Kanaafuu isin akkuma harʼaa kana seerawwan isaatiin buluu fi ajajawwan isaa eeguudhaaf guutumaan guutuutti Rabbii Allaah keenyaaf of kennuu qabdu."

Manni Qulqullummaa Eebbifamuu Isaa

62 Ergasii mootichii fi sabni Israaʼel kanneen isa wajjin turan hundi fuula Rabbii Allaah duratti aarsaa dhiʼeessan. 63 Suleyimaanis aarsaa nagaa Rabbii Allaahaf dhiʼeesse; aarsaan dhiʼeeffames loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama ture. Akkasiin mootichii fi sabni Israaʼel hundi mana qulqullummaa Rabbii Allaah eebbisan.

64 Mootichis guyyuma sana iddoo walakkaa oobdii fuula mana qulqullummaa Rabbii Allaah dura jiru sanaa Allaahaf addaan ni baasee aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi aarsaa nagaa achitti dhiʼeesse; kunis sababii iddoon aarsaa kan naasii irraa hojjetamee fuula Rabbii Allaah dura jiru sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi cooma aarsaa nagaa baachuu hin dandeenyeef.

65 Kanaafuu Suleyimaan yeroo sanatti Israaʼeloota isa wajjin turan hunda wajjin jechuunis waldaa guddicha Malkaa Leeboo Hamaatii jalqabee hamma laga Gibxitti walitti qabame wajjin ayyaana ayyaaneffate. Isaanis ayyaana kana bultii torbaa fi bultii biraa torba walumaa galatti bultii kudha afur fuula Rabbii Allaah keenyaa duratti ayyaaneffatan. 66 Innis guyyaa itti aanutti namoota of irraa geggeesse. Isaanis waan gaarii Rabbii Allaahan garbicha ofii isaa Daawudii fi saba ofii isaa Israaʼeliif hojjete hundaaf mooticha eebbisanii ililchaa garaa isaanii keessatti gammadaa mana isaaniitti galan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-