Pular para o conteúdo
Publicidade

2 ቆሮንቶስ 6:14-17

ONOCV New Oromo Contemporary Version

ወረ ህንአመኔ ወጅን ህንጨመደምና

14 ወረ ህንአመኔን ወልት ህንጨመደምና። ቀጄሉማፊ ጀልእን ማል ወልራ ቀቡ? ዮካን እፍን ዱከነ ወጅን ቶኩማ ማሊ ቀበ? 15 ክርስቶሲፊ ቤልሆር ግዱ ወሊ ገልቴ ማሊቱ ጅረ? ነምን አመኑ ቶኮ ነመ ህንአመኔ ወጅን ማል ወልራ ቀበ? 16 መን ቁልቁሉማ ዋቃ ዋቆተ ቶልፈሞ ወጅን ወሊ ገልቴ ማሊ ቀበ? ኑ መነ ቁልቁሉማ ዋቀ ጅራታት። ዋቅንስ አከነ ጄዼ ዱበቴረ፤

"አን እሳን ወጅን ነንጅራዸ፤

እሳን ግዱስ ነንዴዴብአ።

አን ዋቀሳኒ ነንተአ፤

እሳንስ ሰበኮ ንተኡ።"6፥16 ሌዎ 26፥12፤ ኤር 32፥38፤ ህስ 37፥27

17 ከናፉ፣

"እሳን ኬሳ በኣ፤

እሳንራስ ገርገር ፎአማ፤

ጄዸ ጎፍታን።

ዋን ጡራኣ ህንቱቅና፣

አንስ እስነን ስመዸ።"6፥17 እሳ 52፥11፤ ህስ 20፥37፣41

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    14 Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba? 15 Kiristoosii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba? 16 Manni qulqullummaa Waaqaa waaqota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Waaqa jiraataa ti. Waaqnis akkana jedhee dubbateera;

    "Ani isaan wajjin nan jiraadha;

    isaan gidduus nan deddeebiʼa.

    Ani Waaqa isaanii nan taʼa;

    isaanis saba koo ni taʼu."6:16 Lew 26:12; Erm 32:38; His 37:27

    17 Kanaafuu,

    "Isaan keessaa baʼaa;

    isaan irraas gargar foʼamaa;

    jedha Gooftaan.

    Waan xuraaʼaa hin tuqinaa,

    anis isinan simadha."6:17 Isa 52:11; His 20:37,41

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    14 Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba? 15 Al-Masiihii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba? 16 Manni qulqullummaa Allaaha waaqeffatamtoota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Allaah jiraataa ti. Allaahanis akkana jedhee dubbateera;

    "Ani isaan wajjin nan jiraadha;

    isaan gidduus nan deddeebiʼa.

    Ani Allaah isaanii nan taʼa;

    isaanis saba koo ni taʼu."6:16 Lew 26:12; Erm 32:38; His 37:27

    17 Kanaafuu,

    "Isaan keessaa baʼaa;

    isaan irraas gargar foʼamaa;

    jedha Gooftaan.

    Waan xuraaʼaa hin tuqinaa,

    anis isinan simadha."6:17 Isa 52:11; His 20:37,41

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.