Warra Hin Amanneen Walitti Hin Camadaminaa
14 Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba? 15 Al-Masiihii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba? 16 Manni qulqullummaa Allaaha waaqeffatamtoota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Allaah jiraataa ti. Allaahanis akkana jedhee dubbateera;
"Ani isaan wajjin nan jiraadha;
isaan gidduus nan deddeebiʼa.
Ani Allaah isaanii nan taʼa;
isaanis saba koo ni taʼu."6:16 Lew 26:12; Erm 32:38; His 37:27
17 Kanaafuu,
"Isaan keessaa baʼaa;
isaan irraas gargar foʼamaa;
jedha Gooftaan.
Waan xuraaʼaa hin tuqinaa,
anis isinan simadha."6:17 Isa 52:11; His 20:37,41