Publicidade

2 Coríntios 4

Dadhabbii Ammaatii fi Jireenya Duʼaa Kaʼuu

1 Kanaafuu nu araara Allaahatiin tajaajila kana waan qabnuuf abdii hin kutannu. 2 Nu waan dhoksaa taʼee fi waan nama qaanessu dhiifneerra; namas hin gowwoomsinu; dubbii Allaahas hin micciirru. Garuu dhugaa ifatti baafnee dubbachuudhaan fuula Allaaha duratti qalbii nama hundumaatti of dhiʼeessina. 3 Injiilli keenya yoo haguugame illee warra baduutti jiran jalaa haguugama; 4 Allaahan addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa injiila ulfina Al-Masiihii isa fakkaattii Allaaha taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera. 5 Nu akka Iisaa Al-Masiihiin Gooftaa taʼe lallabna malee of hin lallabnu; nu mataan keenya Iisaaf jennee tajaajiltoota keessan. 6 Allaahan, "Dukkana keessaa ifni haa ifu" jedhe sun akka fuula Al-Masiihii irraa ifa beekumsa ulfina Allaaha nuu kennuuf ifa isaa garaa keenya keessatti ibseeraatii.

7 Garuu akka humni waan hunda caalu kun Allaah irraa malee nu biraa hin dhufin argisiisuuf nu badhaadhummaa kana qodaa suphee keessaa qabna. 8 Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu; 9 ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu. 10 Akka jireenyi Iisaa dhagna keenyaan mulʼifamuuf nu yeroo hunda duʼa Iisaa dhagna keenyatti baannee deemna. 11 Nu warri lubbuun jirru akka jireenyi isaa foon keenya kan duʼu keessaan mulʼifamuuf yeroo hunda Iisaaf jennee duʼatti dabarfamnee kennamnaatii. 12 Egaa duuti nu keessatti hojjeta; jireenyi immoo isin keessatti hojjeta.

13 "Ani amaneera; kanaafis dubbadheera" jedhamee barreeffameera. Nu immoo sababii hafuura amantii sanaan ni amanna; kanaafis ni dubbanna; 14 inni Gooftaa Iisaa warra duʼan keessaa kaase sun nuus Iisaa wajjin kaasee isin wajjinis fuula isaa duratti akka nu dhiʼeessu ni beekna. 15 Ayyaanni namoota hedduu waliin gaʼaa jiru kun ulfina Allaahatiif galata guutee dhangalaʼu akka fiduuf wanni kun hundi buʼaa keessaniif taʼe.

Duuti Akka Hin Hafnee fi Hiikkaa Inni Kiristaanaaf Kennu

16 Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema. 17 Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida. 18 Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.

Veja também

Publicidade
2 Coríntios
Ver todos os capítulos de 2 Coríntios
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-