Publicidade

2 Coríntios 1

Nagaa Gaafachuu

1 Phaawulos isa fedhii Allaahatiin ergamaa Al-Masiihii Iisaa taʼee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa,

Gara waldaa kiristaanaa Allaaha ishee Qorontos jirtuutii fi qulqulloota Akaayaa guutuu keessa jiraatan hundumaatti:

2 Abbaa keenya Allaaha fi Iisaa Al-Masiihii Goofticha irraa ayyaanni isiniif haa taʼu. Assalaam aleeyikum.

Allaah Nama Jajjabeessuuf Galata Galchuu

3 Allaahanii fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin, Abbaan araaraatii fi Allaahan jajjabina hundaa haa eebbifamu; 4 inni akka nu jajjabina Allaah biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa. 5 Akkuma nu dhiphina Al-Masiihii keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Al-Masiihiin jajjabinni nuu baayʼata. 6 Nu yoo dhiphanne jajjabinaa fi fayyina keessaniif taʼa; nu yoo jajjabaanne jajjabina keessaniif taʼa; jajjabinni kunis kan isin yeroo dhiphina nu dhiphannu kana keessa dabartanitti obsaan dhaabachuudhaan argattanii dha. 7 Abdiin nu waaʼee keessaniif qabnu cimaa dha; isin akkuma dhiphina keenya keessatti hirmaattan amma immoo jajjabina keenya keessatti akka hirmaattan beeknaatii.

8 Yaa obboloota, isin waaʼee dhiphina biyya Asiyaatti nurra gaʼee akka wallaaltan hin barbaannu. Hamma lubbuudhaan jiraachuuf illee abdii kutannutti dhiphinni baachuudhaaf humna keenyaa ol taʼe nurra gaʼee tureetii. 9 Dhugumaanuu murtiin duʼaa nutti dhagaʼamee turre. Kun garuu akka nu Allaah warra duʼan kaasutti malee ofii keenyatti hin amananneef taʼe. 10 Inni balaa duʼa akkasii jalaa nu baaseera; nu baasas. Inni ittuma fufee akka nu baasu abdii keenya isa irra kaaʼanneerra. 11 Akkuma isin duʼaa keessaniin nu gargaartan, ayyaana duʼaa namoota baayʼeetiif deebii taʼee nuu kenname sanaaf namoonni baayʼeen nuuf galateeffatu.

Phaawulos Karoora Geeddarate

12 Egaa wanti nu ittiin of jajnu kanaa dha: Akka nu qulqullummaa fi amanamummaa Allaah biraa argameen fooniin keessumattuu hariiroo isin wajjin qabnuun jiraachaa turre yaadni garaa keenyaa dhugaa nuuf baʼa. Kanas akka ayyaana Allaahatti goone malee akka ogummaa addunyaatti miti. 13 Nu waan isin dubbisuu yookaan hubachuu hin dandeenye tokko illee isinii hin barreessinuutii. Ani akka isin hamma dhumaatti hubattan nan abdadha; 14 innis akkuma isin gara tokko nu hubattan kana, akka guyyaa Gooftaa Iisaatti akkuma nu isiniin of jajnu sana isinis nuun of jajuu dandeessan guutummaatti hubattanii dha.

15 Anis sababiin waan kana amaneef akka isin ayyaana lammaffaa qabaattaniif jedhee jalqabatti gara keessan dhufuu barbaade. 16 Ani yeroon Maqedooniyaa dhaqutti isin ilaaluu fi yeroon Maqedooniyaadhaa deebiʼuttis gara keessan dhufee, akka isin yeroo ani Yihuudaa dhaqutti na ergitan barbaade. 17 Ani yeroon waan kana karoorfadhetti akka salphaattin hojjedhee? Yookaan akka yaada fooniitti yeruma tokkotti, "Eeyyee, eeyyee" fi "Waawuu, waawuu" jechuufan karoora baafadhaa ree?

18 Akkuma Allaahan amanamaa taʼe dubbiin nu isinitti dubbannus "Eeyyee" fi "Waawuu" miti. 19 Iisaa Al-Masiihiin Ilmi Allaaha inni nu jechuunis ani, Silwaanosii fi Xiimotewos isin gidduutti lallabne sun, "Eeyyee" fi "Waawuu" hin turreetii; isa keessa "Eeyyeetu" jira. 20 Waadaawwan Allaaha hundinuu Al-Masiihiin "Eeyyeedhaatii". Kanaafuu nu karaa isaatiin ulfina Allaahatiif "Ameen" jenna. 21 Egaa kan akka nu isin wajjin Al-Masiihitti jabaannee dhaabannu godhuu fi kan nu dibe Allaah; 22 innis chaappaa nutti chaappessee, qabdii Hafuura Qulqulluu garaa keenya keessa kaaʼe.

23 Ani garuu isin qusachuudhaaf jecha Qorontositti hin deebine; anis akka inni dhugaa natti baʼuuf Allaah ofitti nan waama. 24 Nu gammachuu keessaniif isin wajjin hojjenna malee amantii keessan irratti gooftummaa hin qabnu; isin amantiin jabaattanii dhaabattaniitii.

Veja também

Publicidade
2 Coríntios
Ver todos os capítulos de 2 Coríntios
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-