Publicidade

2 Coríntios 9

1 Waaʼee tajaajila qulqullootaaf kennamu kanaa isinii barreessuu na hin barbaachisu. 2 Ani akka isin gargaaruuf hinaaftan nan beekaatii; anis, "Warri Akaayaa bara darbee jalqabanii gargaarsa kennuuf qophaaʼaniiru" jedhee namoota Maqedooniyaa biratti of jajeen ture; fedhiin keessanis isaan keessaa namoota baayʼee hojiif kakaaseera. 3 Egaa ani akkuman "Isaan qophaaʼaniiru" jedhee dubbadhe sanatti, akka isin qophooftanii argamtaniif malee waaʼee kanaatiif isiniin of jajuun keenya waan akkasumaan dubbatame akka hin taane ani obboloota ergeera. 4 Yoo namoonni Maqedooniyaa kam iyyuu na wajjin dhufanii akka isin hin qophaaʼin argan, nu warri akkas isin amananne iyyuu waaʼee keessan waan jennu dhabnee ni qaanofna. 5 Kanaafuu akka obboloonni kunneen duraan dursanii gara keessan dhufanii kennaa arjummaa kan isin waadaa galtan sana qopheessaniif isaan gorsuun barbaachisaa natti fakkaate. Yoos kennaan sun akka dirqamaatti utuu hin taʼin akka kennaa arjummaatti qopheeffama.

Arjummaan Jajjabeeffamuu Isaa

6 Waan kana yaadadhaa: Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu utuu harka isaa hin guutin galfata; namni harka isaa guutee facaasu immoo harka isaa guutee galfata. 7 Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Allaahan nama gammachuun kennu jaallataatii. 8 Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Allaahan ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa. 9 Kunis akkuma,

"Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiif ni kenne;

qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata"

jedhamee barreeffamee dha. 10 Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa. 11 Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Allaahaf galata fida.

12 Tajaajilli isin kennitan kun waan qulqullootaaf barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin, akka galanni baayʼeen guutee Allaahaf irra dhangalaʼu taasisa. 13 Sababii tajaajila isin ittiin of mirkaneessitan sanaatiin, injiila Al-Masiihii lallabuun ajajamuu keessanii fi arjummaan keessan kan isin isaanii fi warra kaan hundaaf arjoomtan sanaaf namoonni Allaah jajatu. 14 Isaanis duʼaa isiniif godhan keessatti sababii ayyaana guddaa kan Allaahan isinii kenne sanaatiif isin yaadu. 15 Kennaa isaa kan ibsamuu hin dandeenye sanaaf galanni Allaahaf haa taʼu!

Veja também

Publicidade
2 Coríntios
Ver todos os capítulos de 2 Coríntios
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-