Publicidade

2 Coríntios 2

1 Ani akkan lammata gaddaan gara keessan hin dhufne murteeffadheera. 2 Yoo ani isin gaddisiise, isinuma warra ani gaddisiisu sana malee eenyutu na gammachiisa ree? 3 Akkasitti barreessuun koo akka yommuu ani dhufutti namoonni na gammachiisuu qaban na hin gaddisiisneefi. Akka gammachuun koo gammachuu hunda keessanii taʼe ani hunda keessan nan amana ture. 4 Ani dhiphina guddaa, yaaddoo garaatii fi imimmaan baayʼeedhaan isinii barreesseetii; kunis jaalalli ani isiniif qabu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniif malee isin gaddisiisuuf miti.

Cubbamaaf Dhiifama Gochuu

5 Eenyu iyyuu yoo nama gaddisiise utuu dubbii hoʼisuuf hin taʼin inni karaa tokko hunduma keessan gaddisiisuu isaati malee na gaddisiisuu isaa miti. 6 Nama akkanaa irratti adabbiin harki caalaan keessan adabdan ni gaʼa. 7 Qooda kanaa akka inni gadda guddaan hin liqimfamneef dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuutu isin irra jira. 8 Kanaafuu ani akka isin jaalala isaaf qabdan cimsitan isinan kadhadha. 9 Anis akka isin waan hunda irratti ajajamtoota taatan mirkaneeffachuufin waan kana isinii barreesse. 10 Nama isin dhiifama gootaniif, anis dhiifama nan godha. Yoo wanti ani dhiifama godhe tokko iyyuu jiraates ani isiniif jedhee fuula Al-Masiihii duratti dhiifama godheera; 11 kunis akka Sheeyxaanni nu hin gowwoomsineefi. Nu mala isaa hin wallaalluutii.

Tajaajiltoota Kakuu Haaraa

12 Yeroo ani injiila Al-Masiihii lallabuuf Xirooʼaas dhaqee Gooftaan balbala naa banetti, 13 waan ani obboleessa koo Tiitoo hin argatiniif, hafuurri koo boqonnaa hin arganne. Kanaafuu ani nagaatti isaaniin jedhee Maqedooniyaatti darbe.

14 Allaah yeroo hunda akka nu Al-Masiihiin moʼannoo qabaannu nu taasisee urgaa beekumsa isaa karaa keenyaan iddoo hundatti facaasuuf galanni haa taʼu. 15 Nu warra fayyifamaa jiranii fi warra baduutti jiran gidduutti Allaahaf urgaa Al-Masiihii ti. 16 Nu isa tokkoof urgaa duʼaa ti; isa kaaniif immoo urgaa jireenyaa ti. Egaa eenyutu waan kanaaf gaʼaa taʼa? 17 Nu garuu akka namoota Allaah biraa ergamaniitti Al-Masiihiin fuula Allaaha duratti garaa qulqulluudhaan dubbanna malee akka namoota hedduu kanneen buʼaa argachuuf jedhanii dubbii Allaaha gurguratan sanaa miti.

Veja também

Publicidade
2 Coríntios
Ver todos os capítulos de 2 Coríntios
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-