Pular para o conteúdo
Publicidade

ማቴዎስ 6:19-24

ONOCV New Oromo Contemporary Version

በዻዹማ ሰሚራ

19 "እስን እዶ እት ብሊፊ ዳነኦን በሌስቱፊ እዶ እት ሀቱን ጨብስቴ ሀቱ ለፈረት በዻዹማ ኦፊኬሰኒፍ ህንኩፈትና። 20 ገሩ እዶ እት ብሊፊ ዳነኦን ኛቴ ህንበሌስኔፊ እዶ እት ሀቱን ጨብስቴ ህንሀትኔ ሰሚረት በዻዹማ ኦፊኬሰኒፍ ኩፈዻ። 21 እዱመ በዻዹማንኬ ጅሩ ሰነ ገራንኬስ ጅራቲ።

22 "እጅ እብሳ ዸግናት። እጅኬ ፈያ ታናን፣ ዸግንኬ ጉቱን እፋን ጉተመ። 23 ዮ እጅኬ ፈያ ህንተእን ገሩ፣ ዸግንኬ ጉቱን ንዱከናአ። ኤርገ እፍን ስ ኬሰ ጅሩ ሱን ዱከናኤ፣ ዱከን ሱን ሀመም ሃጀባቱሬ!

24 "ነምን ጎፍቶተ ለመ ተጃጅሉ ደንደኡ ቶኮዩ ህንጅሩ። እሰ ቶኮ ጅብቴ እሰ ካን ጃለታቲ፤ ዮካን እሰ ቶኮፍ ኦፍ ኬንቴ እሰ ካንሞ ቱፈተ። እስንስ ዋቃፊ ማለቀ ተጃጅሉ ህንደንዴሰን።

6፥25-33 ኩወፈ – ሉቃ 12፥22-31

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    19 "Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa. 20 Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa. 21 Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.

    22 "Iji ibsaa dhagnaa ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama. 23 Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu, dhagni kee guutuun ni dukkanaaʼa. Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaaʼee, dukkanni sun hammam haa jabaatu ree!

    24 "Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    19 "Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa. 20 Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne shamaayʼun irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa. 21 Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.

    22 "Iji ibsaa dhagnaa ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama. 23 Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu, dhagni kee guutuun ni dukkanaaʼa. Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaaʼee, dukkanni sun hammam haa jabaatu ree!

    24 "Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Allaaha fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.