Badhaadhummaa Shamaayʼun Irraa
19 "Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa. 20 Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne shamaayʼun irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa. 21 Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.
22 "Iji ibsaa dhagnaa ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama. 23 Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu, dhagni kee guutuun ni dukkanaaʼa. Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaaʼee, dukkanni sun hammam haa jabaatu ree!
24 "Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Allaaha fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.
6:25-33 kwf – Luq 12:22-31