Pular para o conteúdo
Publicidade

A última palavra vem do Senhor

Por Bíblia Online

A última palavra pertence ao Senhor. Os planos do homem estão sujeitos à soberania de Deus. Ele rege toda a história e nenhum de seus propósitos pode ser frustrado.

Karoorri garaa kan namaa ti;

deebiin arrabaa garuu Waaqayyo biraa dhufa.

Waaqayyo waan hunda kaayyoo ofii isaatiif hojjeta;

hamoota iyyuu guyyaa badiisaatiif qopheessa.

Waaqni nama miti; inni hin sobu;

yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti.

Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu?

Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?

Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; "Harki Waaqayyoo gabaabaadhaa? Ati akka wanni ani siin jedhu siif guutamuu fi akka siif hin guutamne amma ni argita."

dubbiin koo kan afaan kootii baʼus

fedhii koo raawwata;

kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee

harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu.

"Ani Waaqayyo, Waaqa nama hundaa ti; wanni ani hin dandeenye tokko iyyuu jiraa?

"Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka;

karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu.

Waaqayyo samiiwwan keessattii fi lafa irratti,

galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti,

waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.

Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.

Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.

Kunoo, wanni kun dhufaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan. Guyyaan ani jedhes kanaa dha.

Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha. Qooda kanaa isin, "Yoo Gooftaan jedhe, nu ni jiraanna; waan kana yookaan waan sana ni hojjenna" jechuu qabdu.

Seja o primeiro