Publicidade

Amós 9

Barbadeeffamuu Israaʼel

1 Utuu Gooftaan iddoo aarsaa bira dhaabatuu nan arge; innis akkana jedhe:

"Akka buusaawwan balbalaa raafamaniif

fiixee utubaa dhaʼi.

Mataa nama hundaa irratti gad isaan harcaasi;

warra hafe immoo anatu goraadeedhaan fixa.

Tokkoon isaanii iyyuu baqatanii hin baʼan;

isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqu.

2 Yoo isaan boolla qilee qotatan iyyuu

harki koo achii isaan fuudha.

Yoo isaan samiitti ol baʼan iyyuu

ani achii gad isaan nan buusa.

3 Yoo isaan fiixee Qarmeloos irra

dhokatan iyyuu, ani achii adamsee qabee gad isaan nan fida.

Yoo isaan galaana jala na dhokatan iyyuu,

ani akka inni achitti isaan idduuf bofa itti nan ajaja.

4 Yoo diinonni isaanii boojiʼanii isaan fudhatan,

achitti goraadee isaan fixxu itti nan ajaja.

"Ani waan gaariidhaaf utuu hin taʼin

waan hamaadhaaf ija koo isaan irra nan buusa."

5 Gooftaan, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu lafa ni tuqa;

isheenis ni baqxi;

wanni ishee irra jiraatu hundinuu ni booʼa;

biyyattiin guutuun akka laga Abbayyaa ol kaati;

ergasiis akka laga Gibxi gad galti;

6 inni darbii isaa ol dheeraa samii irratti ijaarratee

hundee isaa lafa irra dhaabbatu,

inni bishaanota galaanaa waamee

fuula lafaa irratti gad roobsu sun

maqaan isaa Waaqayyo.

7 "Isin Israaʼeloonni

anaaf akkuma saba Itoophiyaa mitii?"

jedha Waaqayyo.

"Ani Israaʼeloota biyya Gibxiitii,

Filisxeemota Kaftoorii,

warra Sooriyaa immoo Qiirii baasee hin fidnee?

8 "Dhugumaan iji Waaqayyo Gooftaa

mootummaa cubbamaa irra jira.

Ani fuula lafaa irraa isa nan balleessa;

taʼus ani guutumaan guutuutti mana Yaaqoob hin balleessu"

jedha Waaqayyo.

9 "Ani ajaja kennee

akkuma midhaan gingilchaadhaan

gingilfamee iji tokko iyyuu lafa hin buune sana

saboota hunda gidduutti

mana Israaʼel nan gingilcha.

10 Cubbamoonni saba koo gidduu jiraatan hundi

Warri, ‘Balaan nu hin argatu

yookaan nutti hin dhufu’ jedhan

hundi goraadeedhaan dhumu.

Haaromfamuu Israaʼel

11 "Ani bara sana keessa dunkaana Daawit

"Kan kufe sana deebisee nan dhaaba.

Kan tarsaʼes walitti nan supha;

diigamaa isaa iddootti deebisee

akka duraatti nan ijaara;

12 kunis akka isaan hambaa Edoomii fi

saboota maqaa kootiin waamaman hunda dhaalaniif"

jedha Waaqayyo, inni waan kana hojjetu.

13 Waaqayyo akkana jedha; "Kunoo, barri itti namni haamu tokko isa qotu qaqqabu,

"namni wayinii dhaabu immoo

isa cuunfu qaqqabu tokko ni dhufa;

Daadhiin wayinii haaraan tulluuwwan irraa ni coccopha;

gaarran hunda keessaas ni yaaʼa.

14 Ani saba koo Israaʼelin boojuudhaa nan deebisa.

"Isaanis magaalaawwan diigaman deebisanii ijaaranii keessa ni jiraatu.

Isaan wayinii dhaabanii, daadhii wayinii isaanii ni dhugu;

isaan biqiltuu dhaabbatanii ija isaa ni nyaatu.

15 Ani Israaʼeloota biyya ofii isaanii keessa nan dhaaba;

isaan biyya ani isaaniif kenne keessaa

lammata hin buqqifaman,"

jedha Waaqayyo Waaqni kee.

Veja também

Publicidade
Amós
Ver todos os capítulos de Amós
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-