Publicidade

Amós 8

Guuboo Ija Bilchaateen Guutame

1 Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: kun guuboo ija bilchaateen guutamee dha. 2 Innis, "Amoos, ati maal arguutti jirta?" jedhee na gaafate.

Ani immoo, "Guuboo ija bilchaateen guutame tokko" jedheen deebiseef.

Ergasii Waaqayyo akkana naan jedhe; "Saba koo Israaʼelitti yeroon dhufeera; ani siʼachi isaan hin baraaru."

3 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; "Gaafas faarfannaan mana qulqullummaa keessaa booʼichatti geeddarama. Reeffi akka malee hedduun lafa hundatti gatama! Calʼisuunis ni taʼa!"

4 Isin warri rakkattoota dhidhiittanii

hiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa;

5 isin akkana jettu;

"Akka nu midhaan gurgurannuuf

Baatiin Haaraan yoom goobana?

Akka nu qamadii gabaa baafannuuf

Sanbanni yoom darba?"

Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtanii

gatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiin

nama gowwoomsitanii saamtu;

6 hiyyeeyyii meetiidhaan,

rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattanii

girdiis qamadii wajjin gurgurattu.

7 Waaqayyo akkana jedhee ulfina Yaaqoobiin kakateera; "Ani gonkumaa waan isaan hojjetan tokko illee hin irraanfadhu.

8 "Sababii kanaaf lafti kirkirtee

namoonni ishee keessa jiraatan hundi hin booʼanii?

Guutummaan biyya sanaa akkuma laga Abbayyaa ol kaʼa;

isheen akkuma laga Gibxi

ol dadarbatamtee liqimfamti."

9 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; "Bara sana,

"Ani akka aduun saafaadhaan dhiitee

laftis guyyuma adiidhaan dukkanooftu nan godha.

10 Ani ayyaana amantii keessanii gaddatti,

sirba keessan hundas booʼichatti nan geeddara.

Ani akka isin hundi wayyaa gaddaa uffattanii

mataa keessan haaddattan nan godha.

Ani yeroo sana akkuma booʼicha ilma tokkichaa,

dhuma isaas akka guyyaa hadhaaʼaa nan godha."

11 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha;

"Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa;

innis beela dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu ti malee

beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti.

12 Namoonni dubbii Waaqayyoo barbaacha

galaanaa gara galaanaatti,

kaabaa gara baʼa biiftuutti ni jooru;

garuu hin argatan.

13 "Bara sana

"Shamarran babbareedoo fi

dargaggoonni dhiiraa jajjaboon dheebotanii gaggabu.

14 Warri cubbuu Samaariyaatiin kakatan

yookaan ‘Yaa Daan dhugaa waaqa kee jiraataa’ jedhan,

yookaan warri ‘Dhugaa waaqa Bersheebaa’ jedhanii

kakatan akka lammata hin kaaneef ni kufu."

Veja também

Publicidade
Amós
Ver todos os capítulos de Amós
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-