Agradecimento pela família
Agradecer pela família é reconhecer a bênção mais preciosa que Deus nos concede. Os filhos são herança do Senhor — cada membro da família é presente divino a ser celebrado.
Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti;
iji gadameessaas badhaasa isaa ti.
Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan,
akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.
Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha.
Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.
Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi;
keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.
Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi;
tola isaa hundas hin irraanfatin.
Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;
hojii Waaqayyoo ulfina qabeessa sana,
humna isaatii fi dinqii inni hojjete,
dhaloota itti aanutti ni himna.
Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha;
haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.
Ani mucaa kana argachuuf kadhadheera; Waaqayyos waan ani isa kadhadhe naaf kenneera.
Galataa Fi Kadhannaa
Ani yeroo isin yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha.
Gammachuu sababii keessaniin fuula Waaqa keenyaa duratti qabnu hundaaf waaʼee keessaniif hammam Waaqa galateeffachuu dandeenya?
Yaa maatiiwwan sabootaa, Waaqayyoof kennaa;
ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.
Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra.
Dubartoonnis Naaʼomiiniin akkana jedhan; "Waaqayyo inni nama si dhaalu si hin dhabsiisin sun haa eebbifamu. Guutummaa Israaʼel keessattis inni maqaa haa qabaatu! Innis jireenya kee ni haaromsa; bara dulluma keetiittis si soora. Niitiin ilma keetii isheen si jaallattu kan ilmaan torba siif caaltu sun isa deesseertiitii."
Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa,
yaa jiraataa jedhanii si jajatu;
abbootiin waaʼee amanamummaa keetii
ijoollee isaaniitti ni odeessu.