Publicidade

Oséias 12

1 Efreem bubbee nyaata;

inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga;

sobaa fi gooliis ni baayʼisa.

Inni Asoor wajjin walii galtee godhatee

biyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga.

2 Waaqayyo waan Yihuudaa himatu qaba;

inni akkuma amala isaatti Yaaqoobin adaba;

akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf.

3 Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe;

erga guddatee immoo Waaqa wajjin walʼaansoo qabe.

4 Inni ergamaa Waaqaa wajjin walʼaansoo qabee moʼate;

booʼees surraa kadhate.

Inni Beetʼeelitti isa argatee

achitti isa wajjin haasaʼe.

5 Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu,

maqaan isaa Waaqayyo!

6 Ati garuu Waaqa keetti deebiʼi;

jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessii

yeroo hunda Waaqa kee eeggadhu.

7 Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabu

nama gowwoomsuu jaallata.

8 Efreem akkana jedhee boona;

"Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera.

Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuu

balleessaa yookaan cubbuu tokko illee narratti argachuu hin dandaʼan."

9 "Ani Waaqayyo Waaqa kee

kan biyya Gibxii si baasee dha;

ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota kee kanneen murteeffaman sanaatti

deebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha.

10 Ani raajotatti dubbadhee

mulʼata hedduu kenneefii

karaa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe."

11 Giliʼaad hamaadhaa?

Sabni ishee faayidaa hin qabu!

Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu?

Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaa

kan qotame irra jiruu ni taʼa.

12 Yaaqoob gara Sooriyaatti baqate;

Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile;

gabbara ishee baasuufis hoolota tikse.

13 Waaqayyo biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuuf raajiitti fayyadame;

inni karuma raajii sanaatiin isa kunuunse.

14 Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase;

Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sana isumatti deebisa;

arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-