Publicidade

Oséias 6

Israaʼel Qalbii Jijjiirrachuu Didde

1 "Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa.

Inni nu ciccireera;

garuu nu fayyisa;

inni nu madeesseera;

garuu madaa keenya ni waldhaana.

2 Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf,

guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa;

guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba.

3 Kottaa Waaqayyoon haa beeknu;

isa beekuufis haa tattaaffannu.

Akkuma aduun dhugumaan baatu sana

inni dhugumaan ni dhufa;

inni akkuma bokkaa gannaa,

akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti gara keenya ni dhufa.

4 "Yaa Efreem, ani maalan si godha?

Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha?

Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa,

akkuma fixeensa barii baduu ti.

5 Kanaafuu ani raajota kootiin isin cicciree

dubbii afaan kootiin isin fixe;

murtiin koos akkuma aduu ni baʼa.

6 Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii;

aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha.

7 Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru;

achittis anaaf hin amanamne.

8 Giliʼaad magaalaa hamootaa

kan dhiigaan faalamtee dha.

9 Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana,

gareen lubootaas akkasuma godhu;

isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan

karaa Sheekem irratti nama ajjeesu.

10 Ani mana Israaʼel keessatti

waan suukaneessaa tokko argeera.

Achitti Efreem ni sagaagale;

Israaʼelis ni xuraaʼe.

11 "Yaa Yihuudaa sittis

haamamuun murteeffameera.

"Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-