Publicidade

Oséias 11

Jaalala Waaqni Israaʼeliif Qabu

1 "Israaʼel yeroo daaʼima turetti, ani isa nan jaalladhe;

ani Gibxii ilma koo waameera.

2 Garuu hammuma ani itti deddeebiʼee isaan waamu,

isaan narraa fagaachaa deeman.

Isaan Baʼaaliif aarsaa dhiʼeessanii

fakkiiwwaniif ixaana aarsan.

3 Kan irree isaanii qabee Efreemin

miillaan deemuu barsiise anuma;

isaan garuu akka ani

isaan fayyise hin hubanne.

4 Ani funyoo gara laafina namaatiin,

hidhaa jaalalaatiinis isaan nan harkise;

ani morma isaanii irraa waanjoo fuudhee

isaan sooruuf gadan jedhe.

5 "Isaan qalbii jijjiirrachuu waan didaniif

Gibxitti hin deebiʼan;

Asoor garuu isaan bulcha.

6 Goraadeen magaalaawwan isaanii keessatti balaqqisa;

raajota sobduu isaanii ni barbadeessa;

karoora isaaniis ni fashaleessa.

7 Sabni koo narraa deebiʼuuf kutateera.

Yoo isaan Waaqa Waan Hundaa Olii waammatan iyyuu

inni gonkumaa ol isaan hin qabu.

8 "Yaa Efreem ani akkamiinan dandaʼee si dhiisa?

Yaa Israaʼel ani akkamiinan dabarsee si kenna?

Ani akkamiinan dandaʼee akka Adimaa si godha?

Akkamiinan akka Zebooʼiim si godha?

Garaan koo na keessatti geeddarameera;

gara laafinni ani siif qabu guddateera.

9 Ani dheekkamsa koo sodaachisaa sana gad hin dhiisu;

yookaan ani deebiʼee Efreemin hin balleessu.

Ani Waaqa malee nama miti;

ani Isa Qulqulluu gidduu kee jiruu dha.

Ani dheekkamsaan hin dhufu.

10 Isaan Waaqayyoon duukaa buʼu;

inni akkuma leencaa aada;

yommuu inni aadutti

ilmaan isaa hollachaa lixa biiftuutii dhufu.

11 Isaan akkuma simbirroo Gibxi irraa,

akkuma gugee ollachaa

Asoor irraa dhufu.

Ani mana isaanii keessa isaan nan jiraachisa"

jedha Waaqayyo.

Cubbuu Israaʼel

12 Efreem sobaan, manni Israaʼel immoo

gowwoomsaadhaan na marse.

Yihuudaanis Waaqatti,

amanamaa Qulqullicha Sanatti iyyuu fincile.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-