Amor fraternal
O amor fraternal é marca dos discípulos de Cristo. Nisto conhecerão que sois meus discípulos: se tiverdes amor uns aos outros.
Amar uns aos outros
Este é o meu mandamento: que vos ameis uns aos outros como Eu vos amei. O amor fraternal é testemunho ao mundo.
"Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa. Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku."
Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa.
Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.
Ergaan isin jalqabaa kaaftanii dhageessan isa, "Nu wal jaallachuu qabna" jedhuu dha.
Nu sababii obboloota jaallannuuf duʼa keessaa gara jireenyaatti akka ceene ni beekna. Namni obboleessa isaa hin jaallanne duʼa keessa jiraata.
Iisaa Al-Masiihiin lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna. Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Allaaha akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa? Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.
Yaa michoota, jaalalli kan Allaaha waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Allaah irraa dhalate; Allaahas ni beeka.
Jaalalli isa kana: Kunis nu Allaah jaallannee miti; garuu Allaahatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge. Yaa michoota, erga Allaahan akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna. Namni tokko iyyuu takkumaa Allaah hin argine; yoo wal jaallanne garuu Allaahan nu keessa jiraata; jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.
Namni, "Ani Allaah nan jaalladha" jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Allaah hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu. Inni ajaja kana nuu kenneera: Namni Allaah jaallatu kam iyyuu obboleessa ofii isaa jaallachuu qaba.
Expressões de amor fraternal
Amai-vos com afeição fraternal. O amor cobre multidão de pecados. Perseverai no amor fraterno.
Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.
Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii.
Dhuma irratti hundi keessan yaada tokko qabaadhaa; walii naʼaa; akka obbolootaatti wal jaalladhaa; garaa laafotaa fi warra gad of qabanis taʼaa.
Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.
Egaa waan Allaahan akka isin wal jaallattan isin barsiiseef waaʼee jaalala obbolummaa isinii barreessuu nu hin barbaachisu.
Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa. Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin malaʼikkoota Allaaha simataniiruutii. Warra mana hidhaa jiran akka waan isaan wajjin hidhamtaniitti, warra dhiphina keessa jiranis akka waan ofii dhiphattaniitti yaadadhaa.
Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
Iisaanis akkana jedheen; "Allaah kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu. Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha. Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’ jedha.
Seera mootii kan Katabbii Qulqulluu keessatti, "Ollaa kee garuu akka ofii keetti jaalladhu" jedhu sana yoo dhugumaan eegdan isin waan qajeelaa gochaa jirtu.