Publicidade

Judas 1

Nagaa Gaafachuu

1 Yihuudaa obboleessa Yaaʼikuub garbicha Iisaa Al-Masiihi irraa,

Gara warra waamamanii Allaah Abbaadhaan jaallataman kanneen Iisaa Al-Masiihiin eegamaniitti:

2 Araarri, nagaanii fi jaalalli isiniif haa baayʼatu.

Cubbuu fi Badiisa Warra Allaahaf Hin Bullee

3 Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Allaahatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate. 4 Namoonni bara dheeraan dura murtii kanaaf murteeffaman tokko tokko looʼanii gidduu keessan seenaniiruutii. Isaanis namoota Allaahaf hin bulle, warra ayyaana Allaah keenyaa gara halalummaatti geeddaran kanneen Gooftaa Ol aanaa tokkicha jechuunis Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihi gananii dha.

Fakkeenya Murtii Gantootatti Muramee

5 Yoo isin duraanuu waan kana hunda beektan illee, ani akka Gooftaan yeroo tokko saba isaa Gibxii baasee ergasii immoo warra hin amanin balleesse isin yaadachiisuu nan barbaada. 6 Innis malaʼikkoota sadarkaa taayitaa isaanii irra hin turin, kanneen lafa jireenya isaanii dhiisan sana foncaa bara baraatiin hidhee hamma murtii Guyyaa guddaa sanaatti dukkana keessa turseera. 7 Sodoomii fi Gomoraan, magaalaawwan naannoo isaanii jiranis akkasuma halalummaa fi hawwii foonii kan haala uumamaatiin ala taʼetti dabarsanii of kennaniiru. Isaanis warra adaba ibidda bara baraatiin adabamaniif fakkeenya taʼaniiru.

Gantoota Bara Yihuudaa

8 Haaluma wal fakkaatuunis namoonni abjootan kunneen foon ofii isaanii xureessu; gooftummaa ni tuffatu; ulfina qabeeyyii illee ni arrabsu. 9 Garuu Miikaaʼiil hangafni malaʼikkootaa iyyuu yeroo waaʼee reeffa Muusaa). Garuu yeroo Muusaan duʼeetti akka inni reeffa Muusaa qabbaruuf akka itti gaafatamni Miikaaʼiilitti kenname namichi Orgeen jedhamu tokko Waggaa Araaraa keessa waggaa jalqabaatti barreessee ture. Taʼus ibliis waan bulchaa addunyaa tureef reeffa Muusaa irratti gooftummaa ofii argisiisuu yaale. Yommuu Miikaaʼiil reeffa Muusaa kennuufii didetti immoo sababii Muusaan nama Gibxi tokko ajjeeseef isa himachuuf dubbii barbaade (Bau 2:12). Miikaaʼiil garuu sheeyxaana abaaruudhaan deebii hin kennine; qooda kanaa harkuma ofiitiin Muusaa qabbare. irratti ibliisiin walitti falmanitti, "Gooftaan si haa ifatu!" jedhe malee isa arrabsuudhaan itti muruuf ija hin jabaanne. 10 Namoonni kunneen garuu waanuma hin hubanne arrabsu; waan isaan akkuma bineensota waa yaaduu hin dandeenyeetti miiraan hubatantu isaan balleessa.

11 Isaaniif wayyoo! Isaan karaa Qaabiil irra deeman; faayidaa argachuuf jedhanii dogoggora Balaʼaam keessa of buusan; fincila Qooraahiitiinis). ni barbadaaʼan.

12 Namoonni kunneen utuma xuraaʼoo taʼanii jiranuu qaanii tokko malee cidha jaalalaa isin wajjin nyaatu; isaan tiksoota ofuma isaanii qofa sooranii dha. Isaan akkuma duumessa bokkaa hin qabne kan bubbeen asii fi achi oofuu ti; akkuma muka yeroo itti ija naqachuu qabutti ija dhabee buqqifamee dachaa lama duʼee ti. 13 Isaan warra akka dambalii galaanaa hoomacha qaanii isaanii baasanii dha; akkuma urjiiwwan asii fi achi jooran kanneen dukkanni limixiin hamma bara baraatti isaanii kaaʼamee ti.

14 Henook inni Aadam irraa jalqabee torbaffaa ture sun akkana jedhee waaʼee namoota kanaa raajii dubbateera: "Kunoo, Gooftaan qulqulloota isaa kumaatama wajjin ni dhufa; 15 innis nama hundatti muruuf, warra Allaahaf hin bulle kanneen karaa Allaahan hin jaallanneen waan Allaahan hin jaallanne hojjetan hundaa fi dubbii hamaa cubbamoonni Allaahaf hin bulle hundinuu isa irratti dubbatan hundatti isaan gaafachuuf ni dhufa." 16 Namoonni kunneen yeroo hunda ni guungumu; komiis ni qabaatu; hawwii isaanii isa hamaa duukaa buʼu; of jaju; faayidaa argachuuf jedhaniis nama saadu.

Jabaatanii Dhaabachuu

17 Yaa michoota, isin garuu waan ergamoonni Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii duraan dursanii himan sana yaadadhaa. 18 Isaanis, "Qoostonni hawwii fedhii Allaahatiin ala taʼe duukaa buʼan bara dhumaa keessa ni dhufu" isiniin jedhan. 19 Namoonni kunneen warra gargar baʼuu uuman, warra hawwii foonii duukaa buʼanii fi warra Hafuura Qulqulluu hin qabnee dha.

20 Isin garuu yaa michoota, amantii keessan kan waan hunda irra qulqulluu taʼe sana irratti of ijaaraa; Hafuura Qulqulluudhaanis duʼaa godhaa. 21 Araarri Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihi jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Allaahatiin of eegaa.

22 Warra shakkii qabaniif garaa laafaa; 23 Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa; kaan immoo uffata hawwii fooniitiin xureeffame iyyuu balfaatii sodaadhaan isaan maaraa.

Eebba Xumuraa

24 Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf, 25 Fayyisaa keenya Allaah tokkichaaf ulfinni, surraan, humnii fi taayitaan karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin bara hundumaan dura, amma, bara baraanis haa taʼu! Ameen.

Veja também

Publicidade
Judas
Ver todos os capítulos de Judas
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-