Amor incondicional
O amor incondicional de Deus não depende de mérito humano. Ele nos amou quando ainda éramos pecadores. Esse amor não tem limites, não cobra preço e não pode ser perdido.
Amor sem condições
Deus prova o seu amor em que Cristo morreu por nós sendo nós ainda pecadores. O amor de Deus é gratuito e irrevogável.
Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi’iituu Kiristoos addee teenna du’eera; kunille jaalalli Waaqi nu’uuf qabu attam attam guddaa akka te’e mudhisa.
Nama addee nama balcha’a du’u dhaggatiis guddoo rakkisa’a; te’ulle nami addee nama dansa’a du’iisaaf fedhu dhaggamuu fa dande’a. Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi’iituu Kiristoos addee teenna du’eera; kunille jaalalli Waaqi nu’uuf qabu attam attam guddaa akka te’e mudhisa.
Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera. Ammoo karaa wodoo te’iisa Yesuus Kiristoosiitiin toluma badhaadha Waaqaatiin balchoomeera.
Eentu jaalala Kiristoosii irraa gargar nu baasa ree? Rakko’oo moo farra? Miidha’a moo beela? Daara moo bala’a? Yookiin du’aa ree?
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Dhugumaan marti keennaayyuu akkuma isaanii halchaa foon keennaatii fi qalbii teennaa waan guutu mara hujataa, akkuma halchaa teennaatitti jiraanne. Nuuti akka dadama keennaatitti, akkuma namoota kaanii, mufii Waaqaa jala jirraayyu. Waaqi mararti’iin dureessaa ammoo, jaalala guddaa nu jaalate irraa ka ka’e, yakkaa teennaan yennaa nuuti duuneerruuyyuu, inni Kiristoosiin gara jiru’uu nu fide. Isin badhaadha Waaqaatiin fayyitaneertan.
Ammoo arjumma’aa fi jaalaltiin Waaqa fayyisaa keennaa yennaa mudhatte, hujii balchummaa nuuti hunyeef adoo hin te’in, marartii ifiitiin, karaa dhiqata dhaloota lammeesso’ootii fi Ayyaana Woyyichaan haareffamiisaatiin nu fayyise. Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Woyyicha nu irratti fakkansee buuse.
Amor eterno
Com amor eterno te amei. O amor de Deus é mais largo, mais alto e mais profundo do que podemos compreender.
Mootiin Waan Maraa fagoo irraa natti mudhatee, «Ani Jaalala bara baraatiin si jaaladheera; tanaaf gadhi laafummaa tiyya sitti mudhiseera.
Waaqa ol-gubba’aa galateeffadha’a;
jaalalli isaa ka bara baraa ti.
Ee Mootii Waan Maraa,
jaalalli keeti ka bara baraa haga ol-gubba’aa,
addatamummaan teetille
haga duumensaa hin dhaqqaddi.
Jaalli yennaa mara si jaalata;
obboleessille yennaa rakko’ootiif dhalata.
Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu’uuf mudhise.
Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaalanne, inni ammoo nu jaalatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma’aa akka te’uuf erge.
Waan Waaqi dursee nu jaalateef nuutille hin jaalanna.
Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.
Amar como Deus ama
O amor é paciente e bondoso. Amai os vossos inimigos. O amor incondicional se expressa no perdão e na compaixão.
Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu.
Jaalalli dhuga’atti malee, hammeennatti hin gammadu. Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.
Diinota Jaalachuu
Yesuus, « ‹Ollaa keeti jaaladhu, diinota keeti jibbi› akka jedhame dhageettaneertan. Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaaladha’a; worra isin miidhuufille daadimadha’a. Tana yoo gootane ijoollee Abbaa keessan ka ol-gubba’aa hin teetan; inni aduu ifii worra hama’aa fi dansa’aafille hin baasa; worra balchootaa fi balchoota hin te’iniifille hin roobisiisa. Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, gatii maan qaddan ree? Cubbaaleyyiinuu sanuma godhan! Obboleeyyan teessan callaa nageya o’aa yoo fuutane, worra dhibii caalaa isin maan gootane? Worri Yihudoota hin te’inille sanuma godhan! Abbaan keessan ka ol-gubba’aa mijuu akka te’e, isinille mijuu te’a’a» jedhe.
Diinota Jaalachuu
«Ani ammoo isin worra na dhageettanuuf hima: Diina keessan jaaladha’a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha’a. Worra isin abaaru eebbisa’a, worra isin yakkulle’eef daadimadha’a!
Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha’a.