Aniversário de idoso
O aniversário de um idoso é celebração de uma vida longa e cheia de experiências com Deus. A Bíblia honra os cabelos brancos como coroa de glória e prova da fidelidade divina.
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha;
kottaa ni ililchina; itti gammannas.
Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa;
galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.
Waaqayyo jabina koo fi gaachana koo ti;
garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera.
Garaan koo baayʼee gammada;
anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.
Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa,
ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta.
Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis
gammachuudhaan na guutta;
gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.
Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha;
waan kanas nan barbaada:
Kunis bara jireenya kootii guutuu
mana Waaqayyoo keessa jiraachuu,
miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa
keessatti isa kadhachuu dha.
Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf,
bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.
Arriin gonfoo ulfinaa ti;
innis karaa qajeelaadhaan argama.
Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti;
arriin mataa kabaja nama umuriin dheeratee ti.
Warri Waaqayyoon abdatan garuu
humna isaanii ni haaromfatu.
Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;
ni fiigu; hin dadhaban;
ni deemu; hin bututan.
"Egaa Waaqayyo akkuma waadaa gale sanatti, gaafa Museedhaan akkas jedhe kan yeroo Israaʼel gammoojjii keessa asii fi achi jooraa turee jalqabee waggaa afurtamii shan na jiraachiseera. Kanaafuu ani harʼa kunoo waggaa saddeettamii shan guuteera! Ani harʼas akkuma gaafa Museen na erge sanaa jabaa dha; ani akkuman dur ture sana amma iyyuu duula dhaquuf jabaa dha.
" ‘ "Waaqayyo si haa eebbisu;
si haa eegus;
Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu;
garaa siif haa laafu.
Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu;
nagaas siif haa kennu." ’
Gaayoosin Galateeffachuu Isaa
Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf nan kadhadha.