Publicidade

Ascensão

Por Bíblia Online

A ascensão de Jesus ao céu é a coroação de sua obra redentora. Ele subiu à destra do Pai, de onde voltará com poder e glória para buscar os seus.

Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubbaaa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle.

Isa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee, «Isin namoota Galiila’aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba’aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubbaaa fudhatame kun, gara ol-gubbaaa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi’ee hin dhufa» jedhane.

Yesuus Gara Ol-gubbaaa Deebi’e

Goottaan Yesuus isaan woliin dubbateen duuba, gara ol-gubbaaa fudhatamee, mogguu midda Waaqaatitti tee’e.

Yesuus Gara Ol-Gubbaaa Deebi’e

Achiin duuba Yesuus qachaa keessaa baasee, haga Bitaaniya’aa isaan geesse; achitti harka ifii lamaanuu ol kaasee isaan eebbise. Adoo isaan eebbisiisatti jiruu, isaan irraa gargar bayee gara ol-gubbaaa fudhatame.

Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto’oo heddu’utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu.

Ani dhugaa isinitti hima: Nami natti dhugeeffatu waan ani huju hin huja; ani gara Abba’aa waan deemuuf inni waan kana caaluuyyuu hin huja.

Ani Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufe; amma biyya lafaa lakkisee deebi’ee gara Abba’aa deemaara» jedhe.

Yesuus, «Ana hin qabin! Sababille ani haga ammaa gara Abba’aa ol hin baane. Ammoo gara obboleeyyan tiyyaa dhaqiitii, Ani gara Abbaa kiyyaatii fi Abbaa keessanii, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessanii ol bayaarajedhiitii isaanitti himi!» jedhee isi’itti hime.

Yesuus, «Ani yennaa gabaadduu calla’aaf isin woliin jiraadhee, achiin duuba gara ka na ergee hin deema.

Dhossaan dhugeeffannaa teennaa mama tokko malee guddo’oo; tanaaf,

«Inni foon uffatee mudhateera;

dhugaa akka te’e Ayyaanaan mirkaneeffameera.

Ergantoota Waaqaatitti mudhateera;

kolbaa biyya lafaatiif lallabameera.

Biyya lafaa duudi’itti dhugeeffatameera;

ulfinnaan gara ol-gubbaaa fudhatameera» jedhamee himameera.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-