Bem
Fazer o bem é mandamento de Deus e expressão prática do amor cristão. A Bíblia convida a praticar o bem a todos, com alegria, sem se cansar — porque colheremos no tempo próprio.
Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu;
nagaa barbaadi; duukaa buʼis.
Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu;
biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.
Anis biyya jiraattotaa keessatti
gaarummaa Waaqayyoo akkan argu
amma iyyuu nan amana.
Yaa Waaqayyo, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu;
isaan durumaa jalqabanii jiruutii.
Cubbuu afaan kootii
yookaan dogoggora koo hin yaadatin;
yaa Waaqayyo, gaarummaa keetiif jedhiitii
akkuma araara keetiitti na yaadadhu.
Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha;
hojii isaa hundaanis arjaa dha.
Ergasii ati qajeelummaa fi murtii qajeelaa,
nama wal qixxeessuu, karaa qajeelaa hundas ni hubatta.
Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha;
sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.
Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.
Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa.
Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin.
Akkuma Waaqni karaa Kiristoosiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.
Jaalala
Jaalalli keessan itti fakkeessuudhaan hin taʼin. Waan hamaa jibbaa; waan gaariitti maxxanaa.
Gaarummaan hammina moʼi malee hamminaan hin moʼamin.
Bilisummaa Amantootaa
"Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;" kan faayidaa qabu garuu waan hunda miti. "Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;" kan nama fayyadu garuu waan hunda miti.
Hin gowwoomfaminaa: "Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa."
Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Waaqni ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.
Akkasumas dubartoonni akka hin malletti mataa dhaʼachuun, warqee yookaan lula naqachuun yookaan uffata gatii guddaa uffachuun utuu hin taʼin akka of qabuu fi naamusaaf taʼutti uffatanii akka of miidhagsan nan barbaada; isaanis akkuma dubartoota, "Nu Waaqa sodaanna" jedhaniitti waan gaarii haa hojjetan.
innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.
Sababuma kanaaf amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa irrattis beekumsa dabalachuuf waan isinii dandaʼame hunda godhaa; akkasuma beekumsa irratti of qabuu, of qabuu irratti obsaan dhaabachuu, obsaan dhaabachuu irratti Waaqatti buluu, Waaqatti buluu irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa irratti immoo jaalala dhugaa dabaladhaa.
Isin gaarii hojjechuuf yoo hinaaftan, eenyutu isin miidha?
Waaqayyo akkana jedha:
"Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaatii ilaalaa;
daandii durii iyyaafadhaa;
karaan gaariin garam akka jiru gaafadhaatii irra deemaa;
lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattuutii.
Isin garuu, ‘Nu isa irra hin deemnu’ jettan.
Waaqayyo gaarii dha;
yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Inni warra isa amanatan ni beeka;
Yookaan namoonni ibsaa qabsiisanii gombisaa jala hin kaaʼan. Qooda kanaa baattuu isaa irra kaaʼu; ibsaan sunis namoota mana keessa jiran hundaaf ifa kenna. Akka namoonni hojii keessan isa gaarii arganii abbaa keessan kan samii irraatiif ulfina kennaniif ifni keessanis akkasuma fuula namootaa duratti haa ifu.
Akkuma abbaan keessan araara qabeessa taʼe sana, isinis araara qabeeyyii taʼaa.