Bom dia
Cada manhã é presente de Deus. As misericórdias do Senhor se renovam cada dia. A Bíblia convida a começar o dia com louvor, oração e gratidão ao Criador.
Manhã com Deus
De manhã te apresentarei a minha oração. Pela manhã ouvirás a minha voz — eu te busco ao despertar.
Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa;
anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa;
abdiidhaanis nan eeggadha.
Yaa Waaqayyo, ani garuu akka ati na gargaartuuf gara keetti nan iyyadha;
ganamaanis kadhannaan koo fuula kee duratti ni dhiʼaata.
Yaa lubbuu ko, dammaqi!
Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa!
Anis ganamaan nan dammaqa.
Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha;
ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha;
ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis
ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.
Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha;
ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha;
ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis
ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.
Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha;
yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti;
ati Waaqa ani abdadhuu dha.
Ani waanan si amanadheef,
akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi.
Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii,
karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.
Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga;
yommuun dammaquttis ani ulfina kee arguudhaan nan quufa.
Misericórdias renovadas
As misericórdias do Senhor se renovam cada manhã. Este é o dia que o Senhor fez — alegremo-nos e nos regozijemos nele.
Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu;
gara laafinni isaa hin dhumuutii.
Isaan ganama hunda haaraa dha;
amanamummaan kees guddaa dha.
Anis, "Waaqayyo qooda koo ti;
kanaafuu ani isa nan eeggadha" ofiin nan jedha.
Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu;
gara laafinni isaa hin dhumuutii.
Isaan ganama hunda haaraa dha;
amanamummaan kees guddaa dha.
Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha;
kottaa ni ililchina; itti gammannas.
Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajadhaa;
maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.
Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;
gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;
booʼichi galgala tokko qofaaf tura;
ganama garuu ililleetu taʼa.
Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;
gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;
booʼichi galgala tokko qofaaf tura;
ganama garuu ililleetu taʼa.
Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu;
ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti,
akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota.
Akka nu bara keenya guutuu gammannee ililchinuuf,
ganama ganama araara keetiin nu quufsi.
Louvor matinal
Saciai-nos de manhã com a tua benignidade. Todo dia te louvarei e celebrarei o teu nome para sempre.
Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa;
bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.
Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha;
bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.
Waaqayyoon, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii,
maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.
Jaalala kee ganamaan,
amanamummaa kees halkaniin labsuun,
Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;
lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.
Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;
fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
Ulfina isaa saboota gidduutti,
hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
Ani seera kee akkaman jaalladha!
Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
Waaqayyo guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja;
halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira;
kunis kadhannaa ani Waaqa jireenya kootii kadhadhuu dha.
Yaa Waaqayyo, nu maari; nu si eeggannaa.
Ati ganama ganama jabina keenya,
yeroo dhiphinaatti immoo fayyina keenya nuuf taʼi.
Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf,
Waaqayyo Gooftaan arraba barate naa kenneera.
Inni ganama ganama na dammaqsa;
akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufis gurra koo dammaqsa.
Graça para o novo dia
O Senhor te abençoe e te guarde. Cada novo dia é oportunidade de viver sob a graça do Deus que nos ama.
" ‘ "Waaqayyo si haa eebbisu;
si haa eegus;
Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu;
garaa siif haa laafu.
Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu;
nagaas siif haa kennu." ’
Inni kun yookaan inni sun,
yookaan lachanuu wal qixxee tolu;
inni kam akka tolu hin beektuutii;
ati sanyii kee ganamaan facaafadhu;
galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin.
Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee
maatii isheetiif nyaata kenniti;
xomboreewwan isheefis hojii qooddi.
Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin;
midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu.
Waaqnis akka ifni sun gaarii taʼe arge; ifaa fi dukkanas gargar baase. Waaqnis ifa sanaan "Guyyaa" jedhe; dukkana sanaan immoo "Halkan" jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa tokkoffaa.
Kanaafuu dubbiin raajonni dubbatan sun ittuma caalee nuuf mirkaneeffame; isinis hamma boruun baqaqee bakkalchi barii garaa keessan keessatti baʼutti yoo akkuma ibsaa dukkana keessatti ibsuutti dubbii kanaaf xiyyeeffannoo kennitan waan gaarii gochuu keessan.
Nu yoo dammaqne yookaan yoo rafne akka isa wajjin tokkummaan jiraannuuf inni nuuf duʼe.