Publicidade

Salmos 30

Faarfannaa eebba mana qulqullummaatiif Faarfatame. Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, sababii ati ol na fuutee

akka diinonni koo natti hin gammanne gooteef,

ani sin jajadha.

2 Yaa Waaqayyo Waaqa ko,

ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.

3 Yaa Waaqayyo, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte;

akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte.

4 Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajadhaa;

maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.

5 Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;

gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;

booʼichi galgala tokko qofaaf tura;

ganama garuu ililleetu taʼa.

6 Anis yommuun nagaa argadhetti,

"Ani gonkumaa hin raafamu" nan jedhe.

7 Yaa Waaqayyo, ati jaalala keetiin

akka tulluu jabaatti na dhaabde;

yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuu

naasuutu na qabate.

8 Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha;

ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha:

9 "Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaas

faayidaa maaliitu argama?

Biyyoon si galateeffataa?

Amanamummaa kees ni odeessaa?

10 Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; na maaris;

Yaa Waaqayyo, gargaarsa naa taʼi."

11 Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;

wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;

12 kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha.

Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-