Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 105

1 Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;

waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.

2 Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;

waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.

3 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa;

garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.

4 Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa;

yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.

5 Dinqii inni hojjete,

hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;

6 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Abrahaam taatan,

isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.

7 Inni Waaqayyo Waaqa keenya;

murtiin isaas lafa hunda irra jira.

8 Inni kakuu isaa bara baraan,

waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;

9 inni kakuu Abrahaam wajjin gale,

kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.

10 Kanas Yaaqoobiif seera,

Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera:

11 "Ani biyya Kanaʼaan

qooda ati dhaaltu godhee siif nan kenna."

12 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti,

dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,

13 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara

mootummaa biraatti jooran.

14 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne;

sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:

15 "Dibamtoota koo hin tuqinaa;

raajota koos hin miidhinaa."

16 Inni beela biyyattiitti waame;

midhaan nyaataa hundas ni balleesse;

17 innis Yoosef namicha akka garbaatti

gurgurame tokko isaan dura erge.

18 Isaan foncaadhaan miilla isaa luqqisan;

mormi isaas sibiila keessa galfame;

19 hamma wanni inni duraan dursee dubbate guutamutti

dubbiin Waaqayyoo isa qore.

20 Mootiin nama ergee gad isa dhiisise;

bulchaan sabaa isa hiiksise.

21 Mootichis mana isaa irratti ajajaa,

qabeenya isaa hunda irratti immoo bulchaa isa godhate;

22 kanas akka inni akkuma fedhetti qondaaltota isaa gorsuuf,

akka inni maanguddoota isaa ogummaa barsiisuuf godhe.

23 Israaʼel biyya Gibxi dhaqe;

Yaaqoobis akka alagaatti biyya Haam keessa jiraate.

24 Waaqayyo saba isaa akka malee baayʼise;

akka isaan amajaajota isaanii caalaa jabaatanis godhe;

25 innis akka isaan saba isaa jibbanii fi

akka isaan tajaajiltoota isaatti mariʼataniif yaada isaanii geeddare.

26 Waaqnis Musee tajaajilaa isaatii fi

Aroon filatamaa isaa erge.

27 Isaanis jara gidduutti mallattoo isaa,

biyya Haam keessatti immoo dinqii isaa argisiisan.

28 Inni dukkana ergee biyyattii dukkaneesse;

isaan dubbii isaatti fincilaniiruutii.

29 Inni bishaanota isaanii dhiigatti geeddaree

akka qurxummiiwwan isaanii dhuman godhe.

30 Fatteen biyya isaanii guutee

diinqa mootota isaanii keessa yaaʼe.

31 Inni dubbannaan tuunni tisiisaatii fi

bookeen biyya isaanii hunda keessa guutte.

32 Inni qooda bokkaa cabbii isaaniif roobse;

bakakkaas biyya isaaniitti erge;

33 wayinii isaaniitii fi muka harbuu isaanii balleesse;

mukkeen biyya isaaniis ni caccabse.

34 Inni dubbannaan hawwaannisnii fi

korophisni hedduun dhufan;

35 isaanis biqiltuu biyya jaraa hunda nyaatan;

waan lafti isaanii baases ni fixan.

36 Ergasii inni hangafa biyya isaanii hunda,

jabina isaanii jalqabaas ni dhaʼe.

37 Akka sabni Israaʼel meetii fi warqee baadhatee baʼu godhe;

gosa isaanii keessaa namni tokko iyyuu hin gufanne.

38 Israaʼeloonni baanaan warri Gibxi gammadan;

isaan Israaʼelin sodaatanii turaniitii.

39 Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe;

akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef.

40 Isaan kadhannaan inni dimbiriqqee kenneef;

buddeena samiitiinis isaan quufse.

41 Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe;

akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe.

42 Inni waadaa isaa qulqulluu,

kan garbicha isaa Abrahaamiif gale sana yaadateeraatii.

43 Inni saba isaa gammachuun,

warra isaaf filataman immoo ililleedhaan baaseera;

44 inni biyya ormootaa isaaniif kenne;

isaanis waan saboonni sun itti dadhaban dhaalan;

45 kanas akka isaan sirna isaa eeganii

seera isaatiif bulaniif godhe.

Haalleluuyaa.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.