Publicidade

Salmos 138

Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;

fuula "waaqotaa" durattis galata kee nan faarfadha.

2 Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef,

ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiif

gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee,

maqaa kee nan leellisa.

3 Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite;

irree keetiinis na jabeessite.

4 Yaa Waaqayyo, mootonni lafaa hundinuu,

yeroo dubbii afaan keetii dhagaʼanitti si haa leellisan.

5 Ulfinni Waaqayyoo, guddaadhaatii,

isaan waaʼee karaa Waaqayyoo haa faarfatan.

6 Waaqayyo yoo ol fagoo jiraate iyyuu, nama gad qabame ni ilaala;

nama of tuulu immoo fagootti beeka.

7 Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu,

ati lubbuu koo ni eegda;

aarii diina kootti harka kee ni diriirsita;

harka kee mirgaatiinis na oolchita.

8 Waaqayyo kaayyoo isaa fiixaan naa baasa;

yaa Waaqayyo, jaalalli kee bara baraan jiraata;

hojii harka keetii hin gatin.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-