Publicidade

Salmos 52

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Daawit. Dooʼeeg namni biyya Edoomii yeroo gara Saaʼolii dhaqee, "Daawit gara mana Ahiimelekii dhufeera" jedhee itti himetti faarfatame.

1 Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta?

Ati namni fuula Waaqaa duratti tuffatamtu,

maaliif guyyaa guutuu koorta?

2 Ati namni nama gowwoomsitu,

arrabni kee badiisa qopheessa;

arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti.

3 Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta;

dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta.

4 Yaa arraba gowwoomsituu nana,

ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta.

5 Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa:

Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira;

biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa.

6 Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan;

isaanis akkana jedhanii isatti kolfan;

7 "Kunoo, namicha Waaqa daʼoo isaa hin godhatin,

qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee

jalʼina ofiitti ciche!"

8 Ani garuu akkuma ejersa

mana Waaqaa keessatti lalisuu ti;

baraa hamma bara baraattis, jaalala Waaqaa kan

hin geeddaramne sana nan amanadha.

9 Sababii ati waan kana gooteef

ani bara baraan sin galateeffadha;

sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha.

Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-