Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 95

1 Kottaa Waaqayyoof faarfannaa;

Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.

2 Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu;

faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.

3 Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii;

inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.

4 Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru;

fiixeewwan tulluus kan isaa ti.

5 Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii;

lafa gogaa illee harka isaatu uume.

6 Kottaa gad jennee sagadnaa;

Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;

7 inni Waaqa keenyaatii;

nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha;

bushaayee harka isaa keessa jiruudhas.

Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,

8 akka Mariibaatti gootan sana,

akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa;

9 abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu,

achitti qoranii na ilaalan.

10 Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame;

anis, "Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha;

isaan karaa koo hin beekne" nan jedheen.

11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,

"Isaan boqonnaa kootti hin galan" jedhee kakadhe.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.