Publicidade

Salmos 61

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan miʼa ribuutiin faarfatame.

1 Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi;

kadhannaa koos dhaggeeffadhu.

2 Yeroo garaan koo citetti,

ani handaara lafaatii sin waammadha;

ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi.

3 Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii;

fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha.

4 Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu,

gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa.

5 Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii;

dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta.

6 Bara jireenya mootii, umurii isaa illee

dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi.

7 Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu;

akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi.

8 Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha;

guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-